Finfinnee, Ebla 11, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad guyyaa har’aa Loojii Haroo Dandii eebbisiisaniiru.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, guyyaa har’aa Naannoo Oromiyaatti qaama sagantaa ‘Maaddiin Biyyaaf’ kan ta’e Loojii Haroo Dandii ifatti eebbisneerra jedhan.
Naannawaan kun iddoo gahumsa tuurizimii sirnaakkoo uumamaa eege ta’uurra darbee bifa haaraa Itiyoophiyaa, sirni ijaarsaa ammayyaan dhahannaa onnee uumamaa waliin walsime jechuun ibsaniiru.
Iddoo kana kan dhaabbate ijaarsa qofa miti kan jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad hambaa uumamaa keenya kabajuun miidhaginni Haroo Kireetarii Dandii dhaloota itti aanuuf akka darbu gooneerra jedhan.
Kunis haala duudhaa hawaasa naannawichaa kabajeefi nama irratti xiyyeeffateen laficha kunuunsuufi hawaasicha fayyadamaa taasisuuf kan ijaarame ta’uu eeraniiru.
Loojiin Haroo Dandii waadaa galle raawwannee argamuu keenya kan mirkaneessudhas jedhaniiru.
Loojichiifi sirnaakkoo dinqisiisaan naannawichaa Itiyoophiyaa daawwannaaf, invastimantiifi tuurizimii taateef filatamtuu akka taasisu eeraniiru.
Tuurizimiin utubaawwan diinagdee biyyattii keessaa tokko ta’uu yaadachiisanii, damee kallattii egeree guddina biyyaalessaa keenya bocaa jiru ta’uusaa mirkaneessaa jira jedhan.
#Oromia #Ethiopia