Hojiin misooma boqqolloo bonee milkaa’ina olaanaa irratti argama- Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Ebla 11, 2018 (FMC) – Oomishaalee akka biyyaatti xiyyeeffannoo kennineefi hojjechaa jirru keessaa tokko kan ta’e hojiin misooma boqqolloo jallisii bonee milkaa’ina olaanaa irratti argama jedhan Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, hojiin misooma boqqolloo jallisii bonee sadarkaa biyyaalessaatti xiyyeeffannoon kennameefii hojjetamaa jiru milkaa’ina olaanaa irratti akka argamu kaasan.

Bu’aan jalqabaa argame kun, Itiyoophiyaan gargaarsa nyaataa fudhachuu dhiistee biyya of danda’u taasisuuf abjuun keenya inni guddaan dhugoomuuf karaa irra jiraachuu keenyaaf agarsiiftuudha jedhan.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment