Birmadummaa biyyaa tiksuun dirqama hundaati – Obbo Mahaammad Idiriis

Finfinnee, Qaammee 4, 2018 (FMC) – Birmadummaa biyyaa tiksuun dirqama hundaati jedhan Ministirri Ministeera Nageenyaa Obbo Mahaammad Idiriis.

Ministeerri Aadaa fi Ispoortii Qaammee 4, Guyyaa Daneessummaa sababeeffachuun waarii aartii gaggeessera.

Ciminnii fi birmadummaan Itiyoophiyaa daneessummaa fi tokkummaa biyyaalessaarratti kan bu’uureeffame ta’uu saganticharratti kan argaman Ministirri Ministeera Nageenyaa Obbo Mahaammad Idiriis himaniiru.

Biyya abbootiin walummaan tursiisan cimsinee dhaloota itti aanuuf dabarsuu qabna jedhan.

Kanaafis yeroon waadaa keenya itti haaromsinu amma jechuun dubbatan.

Birmadummaa biyyaa tiksuun dirqama hundaa ta’uu dhaamuu isaanii ragaan Ministeericharraa argamu ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment