Maraammartoon hiyyummaa barteen oomishuu, wabii nyaataa mirkaneessuu dhabuufi gabaaf oomishuu dhabuurraa kan madduudha.
Galmi isaa wabii nyaataa, ijaarsa dinagdeefi birmadummaa wajjin kan walitti hidhatudha.
Kanaafis qonni wabii nyaataa mirkaneessuu bira darbee dinagdee ijaaruufi birmadummaa biyyaa tiksuu irratti gumaacha guddaa kan taasisudha.
Galmi guddaan kun qonni mala ammayyaan yoo gaggeeffame qofa kan milkaa’udha.
Itiyoophiyaattis riifoormii dinagdee gaggeeffameen qonni utubaawwan dinagdee gooroo keessaa tokko ta’uun hojii hojjetamaa dhufeen injifannoowwan jajjaboon galmaa’aniiru.
Mootummaan Naannoo Oromiyaas maraammartoo hiyyummaa cabsuun gara badhaadhinaatti tarkaanfachuuf yeroo hunda yeroo misoomaa taasisuun badhaadhina maatii qe’ee hundaatti buusuuf hojii bal’aa hojjechaa jira.
Qonna Gannaa bara 2018/2019 lafa heektaara miiliyoona11.17 kilaasteraa fi idileedhaan misoomsuuf karoorafame hojjetamaa jira.
Dhiheessiin Sanyii Filatamaa, Xaa’oo, Tiraakteraa fi galteewwan qonnaa biroo cimsuun hojii qonnaa saffisaa fi bu’a qabeessa gochuuf hojii bal’aan hojjetamaa jira.
Lafa misoomu keessaa harki caalu kilaasteeran misoomaa jira.
Waggoottan torban darban keessatti hojii hunda qulqullina, ariitii fi baay’inaan raawwachuuf imalli jalqabame bu’aa qabatamaa argamsiiseera. Tarkaanfiin yeroo ammaa keessa jirrus qonna gateettii qotiyyoo irraa gara tiraakteraatti ceesisuun misooma kilaasteraa bal’inaan babal’isuudha.
Kilaasteraan oomishuun qonnaan bultoonni naannoo tokko keessatti yeroo wal fakkaataa, sanyii filatamaa fi teeknooloojii ammayyaa fayyadamuun oomisha isaanii baay’inaa fi qulqullinaan akka dabalan taasisa.
Kun baasii oomishaa hir’isuun oomishtummaa dabala.