Biyyoonni naannawichaa qajeeltoo fayyadamummaa waloon Itiyoophiyaaf karra galaanaa mijeessuun jiraachuu isaanii mirkaneessuu qabu – Piroofeesar Birhaanuu Naggaa

Finfinnee, Hagayya 30, 2018 (FMC) – Biyyoonni naannawichaa qajeeltoo fayyadamummaa waloo fi karaa nagaan Itiyoophiyaaf karra galaanaa mijeessuun, jireenya isaanii waloo mirkaneessuu qabu jedhan Ministirri Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaa.

Piroofeesar Birhaanuu Nagaa akka jedhanitti, Itiyoophiyaan seenaa irraa eegalee Galaana Diimaa waliin hariiroo seenaa addaan hin cinne qabdi. Gaaffiin karra galaanaas dhimma jiraachuu ummata Itiyoophiyaa miliyoona 100 fi miliyoona 30 ti.

Galaanni Diimaa bara durii irraa eegalee daangaa mootummaa Itiyoophiyaa keessaa tokko ta’ee jiraachuu ibsanii, daldaltoonni Itiyoophiyaa maallaqa ofii isaanii ittiin daldalan fayyadamuun Galaana Diimaa ce’anii hanga Galaana Hindiiitti daldalaa turuu yaadachiisaniiru.

Akkasumas, bara 1950moota irraa eegalee, Asabii fi Mitsiwwaan buufatawwan doonii ijoo Itiyoophiyaa ta’anii tajaajilaa turuu ibsaniiru.

Haa ta’u malee, Itiyoophiyaan haala bu’uura seeraa hin qabneen, akkasumas hayyama ummataa fi qorannoo gahaa malee karra galaanaa akka dhabdu taasifamuu ibsaniiru.

Addunyaa daldala galaanaa irratti walitti hidhame keessatti, ummata miliyoona 130 qabattee karra galaanaa tokko illee dhabdee imala dheeraa yaaduun kan danda’amu miti jedhaniiru.

Dhimmi karra galaanaa argachuu qalbii Itiyoophiyaanotaa keessaatti yaaddoo fi gaabbii ta’ee kan ture ta’uu eeranii, mootummaan amma jiruus itti gaafatamummaa qaba waan ta’eef, ajandaa karra galaanaa argachuu fuulduratti fiduu ibsaniiru.

Karri galaanaa daldalaaf qofa osoo hin taane, biyya haleellaa irraa ittisuufis utubaa nageenya biyyaalessaa murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Gaaffiin karra galaanaa argachuu Itiyoophiyaa karaa nagaa fi haala fayyadamummaa waliinii mirkaneessuun deebii argachuu qaba jedhaniiru. Dhimichiis ajandaa jireenyaa dhaloonni hin dhiisne ta’uu hubachiisaniiru.

Biyyoonni naannoo Galaana Diimaa jiran walumaagalatti walakkaa baay’ina ummataa fi guddina diinagdee Itiyoophiyaa illee akka hin geenye eeranii, Itiyoophiyaan gara Galaana Diimaatti deebitee dhufuun biyyoota kanneeniifis bu’aa fi faayidaa qabaachuu ibsaniiru.

Naannawichi walitti bu’iinsa biyyoota humna qaban fi haala yeroo jijjiiramaa adda addaa keessa galuun miidhamamaa ta’uu eeranii, kana irraa ka’uun biyyoonni naannawichaa waliin guddachuun filannoo osoo hin taane dirqama ta’uu dubbatan.

Jijjiirama fi giddu seentummaa humnoota alaa naannawicha keessatti hir’isuun, faayidaa fi nageenya ummatoota isaanii diinagdee fi seenaa keessatti walitti hidhamiinsa qaban eeguuf Itiyoophiyaa waliin hojjechuu akka qabanis ibsaniiru.

Itiyoophiyaan naannawicha keessatti diinagdee guddaa kan sochoostu ta’uun ishee faayidaan ishee daangaa ce’aa ta’uu kaasanii, Itiyoophiyaan karra galaanaa irraa adda baatee jiraachuu waan hin dandeenyeef, biyyoonni naannawichaa karaa ittiin galaanatti baatu isheef mijeessuu qabu jedhaniiru.

Akka gabaasa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti, Piroofeesar Birhaanuu Nagaan biyyoonni naannichaa karaa nagaa ta’een giddu-seentummaa humnoota alaa ittisuun, qabeenya waliin fayyadamuun, Itiyoophiyaaf karra galaanaa mijeessanii jireenya isaanii waloo mirkaneessuu qabu jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment