Finfinnee, Hagayya 19, 2018 (FMC) – Boombiiwwan mootummaan Iraan ulaa Hoormuuz keessa awwaalee ture guutummaatti qulqulleessineerra jedhan Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp.
Naannawaa ulaa Hoormuuzitti muddamni haaraan uumamaa jiraachuun gabaafameera.
Pireezidaanti Doonaald Tiraamp, Ameerikaan duula saffisaa gaggeessiteen, boombiiwwan ulaa Hoormuuz keessa awwaalaman guutummaatti baasuu fi hojiin ala gochuu beeksisaniiru.
Pireezidaanti Tiraamp ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin, Humni Galaanaa Ameerikaa boombiiwwan farra dooniiwwanii kiyyeeffamanii turan qulqulleessee xumuruu ibsaniiru.
Dabalataanis, Ameerikaan kana booda tarkaanfiiwwan of-eeggannoo barbaachisaa hunda akka fudhattu ibsanii, yeroo itti aanutti doonii boombiiwwan farra dooniiwwanii kiyyeessuuf yaalii taasisu irratti tarkaanfiin kan fudhatamu ta’uu akeekkachiisaniiru.
Gama biraatiin, Itti Aanaa Olaanaan Dura Taa’aa Eegumsa Islaamaa Iraan, Mahaammad Riizaa Areef, to’annoo biyyi isaanii ulaa Hoormuuz irratti qabdu “mirga seeraa fi birmadummaa akkasumas dhimmi qabeenya biyyaalessaa keenya fayyadamuudha” jedhaniiru.
Ulaan Hoormuuz qabeenya Iraan ta’uu ibsanii, Teehraan dhiibbaa alaa kamiiyyuu dandamachuuf qophii ta’uu eeran.
Ameerikaan guyyaa har’aa damee boba’aa fi neetworkii faayinaansii Iraan irratti qoqqobbii dinagdee cimaa akka keessee fi qoqooqbbiin kun biyyoota Teehraan waliin hariiroo daldalaa qaban hunda kan ilaallatu akka ta’e Aljaziiraan gabaaseera.
Sababa kanaanis muddamni ji’oo-pooletiksii biyyoota lameenii jabaatee itti fufeera.
Ameerikaa fi Iraan waraanaatti erga seenanii guyyoonni 178 lakkaa’amaniiru.
Tewoodiroos Saahileen.
#Oromia #Ethiopia