Boqonnaa Haaraa Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa

Finfinnee, Onkoloolessa 18, 2019 (FMC) — Nageenyaa fi tasgabbii biyya mirkaneessuu, daangaa ishee kabachiisuu fi faayidaa biyyaalessaa eegsisuu keessatti gaheen humna qilleensaa murteessaa dha.

Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa teeknooloojii fi naamusa irratti of cimsuun, tooftaalee waraanaa yeroo ammaa barbaachisaniin dandeettii isaa guddisaa hojiiwwan garaagaraa raawwachaa jira.

Hojiiwwan kanneen keessaa lakkoofsa xiyyaarota waraanaa isaa guddisuu fi dandeettii ogeessotaa cimsuun tokko yoo ta’u, lakkoofsa xiyyaarota waraanaa guddisuuf kanneen miidhaman suphuu bira darbee xiyyaarota haaraa simachuunis tarsiimoo itti fayyadamaa jiruu dha.

Kanaafuu, Itiyoophiyaan biyyoota nageenya ishee deeggaranii fi waliin hojjetan keessaa tokko kan taate Raashiyaa irraa xiyyaarota waraanaa dhaloota 4ffaa (4++) Su-35 12 simatteetti.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad wayita kana akka jedhanitti, carraaqqiin bal’aan nageenyaa fi tasgabbii Itiyoophiyaa itti fufiinsaan mirkaneessuuf taasifamaa jiru seenaa boqonnaa haaraa irra ga’eera.

Itiyoophiyaan dandeettii ittisaa ishee keessatti qophiin taasisaa jirtu kamiyyuu dandeettii amanamaa haleellaa kamiyyuu dursitee ittisuuf qabdu gabbisaa jira jedhaniiru.

Waliigaltee Mootummaa Raashiyaa waliin taasifameen, Itiyoophiyaan xiyyaarota waraanaa dhaloota 4++ Su-35 12 jalqabaa simatteetti.

Dabalataanis, Itiyoophiyaan baatiriiwwan sirna ittisa qilleensaa ammayyaa S-400 afur akka simattu ibsaniiru.

Rakkooleen uumamuu isaanii dura dursee beekuu fi ittisuu, yoo uumamanis of irraa qolachuu, yoo hammaatan immoo dandeettiii injifachuuf dandeessisu ijaaruun biyya tokkoof murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Biyya Ummata miliyoona 100 fi miliyoona 30 ol qabduuf dhaloota itti aanu biyya amanamaa dhaalchisuuf dandeettii ittisaa gahaa ijaaruun barbaachisaa ta’uus hubachiisaniiru.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, qajeeltoo cimaa Dursanii dubbachuu irraa hojjetanii xumuranii agarsiisuu jedhuun, Itiyoophiyaan Afrikaa Saharaa Gadiitti biyyootni isheen dorgoman kan hin qabne, teeknooloojiiwwan waraanaa ammayyaa hidhachuun dandeettii ittisaa ijaarachaa jiraachuu ishee cimsanii dubbataniiru.

Milkaa’inni guddaan kun dandeettii Itiyoophiyaan rakkoolee yeroo garaagaraatti ishee mudatan furachuu ittiin dandeessu kan dabalu ta’uun ibsameera.

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #Mul’ataGuddaa

Immabeet Sisaayiin

Comments (0)
Add Comment