Garee seeraan alaa dantaa ummataa hin qabne – ABUT

Finfinnee, Onkololeessa 10, 2019 (FMC) – Gareen seeraan alaa ABUT humnoota diinota seenaa Itiyoophiyaa waliin hiriiruun waraana hin fayyadne irra deddeebiin labsuun ummata naannichaa rakkoo hamaaf saaxileera.

ABUT, Afaan isaan namooma waan qabu fakkachuuf ni yaala, ni iyya, gochaan garuu kabaja namoomaaf dhimma hin qabu.

Faayidaa dhuunfaaf jecha dargaggoota hedduu humnaan walitti qabuun waraanaaf bobbaasuun haadholii fi abbootii qofaatti hambiseera.

Gareen namuusaa fi aadaa ummata Tigraay goonkuma kan hin qabne kun Ummata naannoo Tigraay gatii olaanaa kaffalchiiseera.

Dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu Paartii siyaasaa tokko dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu uummataa waliin walitti hidhuun yookaan ammoo nageenya dhaabbata siyaasaa tokko nageenya uummataa waliin walitti hidhuun bu’uura hin qabu jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad turtii Afaan Tigreen taasisaniin.

Gareen seeraan alaa kun maqaa hamaa “Tsimdoo” jedhuun gantootaa fi diinota alaa biyya keessaa fi alatti argaman waliin ta’uun Itiyoophiyaa diiguu fi nageenya uummataa ishee booressuuf shirri xaxaa ture fashalaa’eera.

ABUT adeemsa waliigaltee Piriitooriyaan faallaa ta’een meeshaalee waraanaa hiikkachiisuu mannaa meeshaalee waraanaa bitachuu fi kafachuuttti bobba’uun irra deebiin yeroo 4ffaaf waraana banus akka hin taanetti injifatameera.

ABUT seera maleessa qofa osoo hin taane ukkaamsaa, ajjeesaafi gara jabeessa jedhan Jiraattoonni naannichaa.

Hoggantoonni ABUT ijoollee isaanii Finfinnee fi biyyoota alaa keessatti jireenya qananiin jiraachisaa, ijoolleen hiyyeessaa garuu dirreewwan waraanaatti akka dhuman gochuun daldalaa dhiigaa ta’uu mul’isaniiru jedhan.

Sababa waraanaan dargaggoonni naannichaa hedduun lubbuu isaanii dhabaniiru, ,miidhaa qaamaa fi xinsammuuf hamaaf saaxilamaniiru.

Bu’uuraalee misoomaa fi damee diinagdee irrattis miidhaan guddaan qaqqabeera.

Kun hundi faayidaa dhuunfaaf malee dandataa ummataaf kan ta’ee miti jechu jiraattoonni naannichaa.

Wayita ummanni naannichaa rakkoolee garaagaraaf saaxilamee jireenya gadadoo dabarsaa jiru gareen seeraan alaa ABUT ammoo Albuudoota Saamuun, biyyoota alaatti Gamoo ijaaraa ture jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Ilaalchii fi imaammanni hordofu, kabaja uummata Tigraay kan hin madaalle ta’uu eeran.

Gareen namuusaa fi aadaa ummata Tigraay goonkuma kan hin qabne kun amma badaa jira, ummanni Tigraayi garuu itti fufa jechuun ibsan.

Ummattoota keenya waliin taanee misoomaa fi Nageenyaaf ni hojjenna, ummanni Tigraay yaada barbaadu filachuu akka danda’uuf dirree bal’aa uumuufiin barbaachisaa ta’uu amantaa qabaachuu ibsan.

Mootummaan Federaalaa uummata Tigraay cinaa dhaabbachuun naannicha deebisee bayyanachiisuu, nageenya waaraa fi misooma waliigalaa mirkaneessuuf kutannoo cimaan kan hojjetu ta’uu mirkaneessan.

Siifan Magarsaatiin

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

Comments (0)
Add Comment