Finfinnee, Onkoloolessa 10, 2019 (FMC) — Galmeen imala Haajjii bara 2019 Kamisa dhufu akka eegalu Manni Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa beeksise.
Manni marichaa ibsa baaseen, galmeen imala Haajjii bara 2019 karaa buufataalee galmee teeknoolojii ammayyaa fayyadamuun qophaa’anitti akka gaggeeffamu ibseera.
Namoonni ulaagaalee imala Haajjii guutan hundi yeroo kenname keessatti fi sagantaa ba’een galmaa’uu akka danda’anis ibsameera.
Galmeen Haajjii teeknoolojii ammayyaatiin deeggaramee Onkoloolessa 12, 2019 irraa eegalee hanga Amajjii 10, 2019tti akka gaggeeffamus ibsameera.
Jamaal Ahimadiin