BRICS dhimmoota Itiyoophiyaan hiika olaanaa kennituuf deeggaruun milkaa’ina dipiloomaasii biyya keenyaaf ragaadha – Dooktar Feetihii Mahidii

Finfinnee, Fulbaana 8, 2019 (FMC) – Biyyoonni miseensa BRICS dhimmoota Itiyoophiyaan hiika guddaa kennituuf deeggaruun isaanii guddina saffisaa biyya keenyaa fi milkaa’ina dipiloomaasiif ragaadha jedhan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Itti Aanaan Walitti Qabaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Alaa fi Nageenyaa Dooktar Feetihii Mahidiin.
 
Dooktar Feetihii Mahidiin, turtii Faanaa Miidiyaa Korporeeshinii waliin turtii taasisaniin akka jedhanitti, Yaa’iin 18ffaa Hoggantoota BRICS dhumarratti keeyyata 140 raggasiseen, Ibsi ejjennoo Niiw Deelhii, Itiyoophiyaa keeyyataa sadaffaarratti eeruun deeggarsa kennuun dippiloomaasii bu’aa qabeessa taasifame kan agarsiisuudha.
 
Akka isaan ibsanitti, Keeyyata 20, 105 fi 107 kutaa ijoo biyyoonni miseensa BRICS Itiyoophiyaa deeggaruun kaasan ta’uu eeran.
 
Keeyyattoota kanneen faayidaan isaanii tumsa naannawaa fi idil addunyaa irratti qabanis ibsaniiru.
 
Itiyoophiyaan miseensa Dhaabbata Daldala Addunyaa (WTO) ta’uuf waggoota digdamaaf carraaqqii taasisaa turte.
 
Sadarkaa guddinaa biyyattiin irra geesse hubachuun, miseensa dhaabbatichaa akka taatuuf deeggarsi taasifamuun biyyoonni BRICS Itiyoophiyaan walitti dhufeenya biyyoota miseensotaa keessatti qabaachuu dandeessuu fi gumaacha isheen walitti dhufeenya kanaaf gochuu dandeessu sirnaan hubachuu isaanii irraa kan madde ta’uu ibsaniiru.
 
Kana malees, Itiyoophiyaan miseensa Dhaabbata Siivilii Aviyeshinii Idil addunyaa akka taatuuf deeggarsi taasifamuun, biyyattiin sadarkaa idil addunyaatti murtoowwan damee aviyeshinii irratti kennaman keessatti gahee qabaachuu fi mallattoo ishee kaa’uu akka dandeessuuf gahee guddaa qaba jedhan.
 
Dabalataanis, waliigaltichi Itiyoophiyaan bara 2027 kan qopheessituu yaa’ii COP32 deeggaruu, akkasumas jijjiiramoota misoomaa waliigalaa biyyattiin galmeessite deeggaruu akka agarsiisu ibsaniiru.
 
Walumaagalatti, Yaa’iin 18ffaa BRICS dandeettii Itiyoophiyaa ifatti kan mul’ise, akkasumas hojiileen dippiloomaasii bu’aa qbaeessi hojjetamuu eeraniiru.
 
Immabeet Sisaayiin.
 
Comments (0)
Add Comment