Finfinnee, Fulbaana 2, 2019(FMC) – BRIIKS tumsa waloo gara sona walootti, ciminaafi guddina itti fufiinsa qabuutti jijjiiruuf dandeettii fi kutannoo bal’aa qaba jedhan Dooktar Abiy Ahimad.
Dooktar Abiy Ahimad fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii ergaa dabarsaniin, mata duree “Cimina, Kalaqa, Tumsaafi Itti Fufiinsa Ijaaruu” jedhuun Yaa’ii BRIIKS 18ffaa Hindii, Niiw Deelhitti gaggeeffamaa jiru irratti hirmaachuun keenya nu boonseera jedhan.
Biyyoota miseensa BRIIKS keessatti qabeenya, teeknooloojii fi gabaa bal’aan jiraachuus eeran.
Carraan amma jiru dandeettiiwwan kana walitti hidhuun sona olaanaa uuma akkasumas sonni uumamu kun bakka qabeenyi jirutti akka oomishamu taasisa jechuunis ibsaniiru.
Itiyoophiyaan misooma albuudaa, anniisaa haaromfamaa fi bu’uura indaastirii guddachaa jiru irratti hundaa’uun tumsaawwan kana ijaaruuf qophii ta’uus hubachiisan.
Dabalataanis, sirnoota hojii keessatti cimina ijaaruu, hubannoon namtolchee fedhii Ardii afrikaa akka tajaajilu taasisuu, adeemsa boqonnaa liqaa amanamaa fi bu’a qabeessa ta’e guddisuu, akkasumas hojiiwwan eegumsa qilleensaa jijjiirama diinagdeen walitti hidhuun akka barbaachisus hubachiisan.
Waltajjiin BRIIKS tumsa waloo gara sona walootti, ciminaafi guddina itti fufiinsa qabuutti jijjiiruuf dandeettii fi kutannoo bal’aa akka qabus mirkaneessaniiru.
#Oromia #Ethiopia