Finfinnee, Ebla 28, 2018 (FMC) – Bunni Sidaamaa Madin Itiyoophiyaan injifatameera.
Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa dursaa kan jiru Bunni Sidaamaa Madin Itiyoophiyaan injifatamuun carraa garaagarummaa qabxii Machaal waliin qabu gara 10tti guddisuuf qabu osoo itti hin fayyadamin hafeera.
Galchii Saamu’eel Saalisuun daqiiqaa 82ffaarratti galche tokkoon Madin Itiyoophiyaan Buna Sidaamaa injifateera.
Tapha biroo sa’aatuma walfakkaatuutti Istaadiyeemii Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaatti kilaboota darbii naannoo Amaaraa Faasilii fi Bahiidaar gidduutti taphatame olaantummaa Magaalaa Bahiirdaarin xumurameera.
Bahiirdaar galchii 2 fi 0’n Faasiil injifateera.