Buufanni Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu Abdii Guddaa Sektera Aviyeeshinii Afrikaati – CNN

Finfinnee, Ebla 15, 2018 (FMC)– Itoophiyaan buufata xiyyaaraa idil-addunyaa guddaa sarara balalii Afrikaa jijjiira jedhamee abdatamu ijaaraa jiraachuu CNN gabaaseera.

Ijaarsi marsaajalqabaa Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu akka lakkoofsa Awrooppaatti bara 2030 yommuu xumuramu, waggaatti imaltoota miiliyoona 60 keessummeessuu akka danda’us ibsameera.

Pirojektiin kun guutummaatti yommuu xumuramu dandeettiin kun gara imaltoota miiliyoona 100 fi miliyoona 10tti akka ol guddatu gabaasichi ibsee, kanaanis buufata xiyyaaraa Atlaantaa isa addunyaa irratti imaltoota hedduu keessummeessuun durummaan beekamu akka caalu agarsiiseera.

Yeroo ammaa imaltoonni Afrikaa keessa balali’uuf ardii kanaa ala kan jiran akka Dubaay, Paaris fi Landanitti tirianzit gochuuf akka dirqaman CNN gabaasa isaatiin himeera.

Haa ta’u malee, buufanni xiyyaaraa Bishooftuu doolaara biiliyoona 12.5n ji’a Amajjii darbe ijaarsi isaa jalqabame kun, rakkoo kana hambisuun ardichaaf sarara balalii haaraa akka uumu abdatqmeera.

Ijaarsi buufata xiyyaaraa kanaa yommuu eegalutti, Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad pirojektiin kun seenaa Afrikaa keessatti bu’uura misoomaa aviyeeshinii isa guddaa ta’uu isaa dubbachuu isaanii gabaasichi yaadachiiseera.

Afrikaa keessatti beekamaa kan ta’e Daandiin Qilleensa Itoophiyaa Afrikaa keessatti baasii pirojeektichaa keessaa dhibbeentaa 30 akka uuwwisu Hoji-geessisaan Ol-aanaan Daandii Qilleensichaa Obbo Masfin Xaasoo dubbataniiru.

Buufanni xiyyaaraa kun Daandiin Qilleensa Itoophiyaa gabaa aviyeeshinii Afrikaa isa addunyaa irratti saffisaan guddachaa jiru keessatti dorgommii samii walitti hidhuuf taasifamu akka hoogganu isa dandeessisa jedhameera.

Dabalataanis, waggaatti meeshaalee fe’umsaa toonii miiliyoona 3.73 keessummeessuu kan danda’u yommuu ta’u, Naannoo Daldala Bilisaa Ardii Afrikaa deeggaruun dandeettii kaargoo ardichaa dhimma irra oolchuuf kan dandeessisu ta’uu gabaasichi agarsiiseera.

Daandiiwwan qilleensa Afrikaa yeroo ammaa sadarkaa idil-addunyaatti tajaajila fe’umsaa ol-aanaa kennaa kan jiran yommuu ta’u, kunis waggaatti dhibbeentaa 15 hanga 16 daballii akka qabu eerameera.

Gama deeggarsa maallaqaatiin keessattuu biyyoonni akka Ameerikaa, Chaayinaa fi Xaaliyaanii adeemsa kana keessatti hirmaachaa kan jiran yommuu ta’u, kanaanis sochiiwwan abdii namatti horan jiraachuu CNN gabaasa isaatiin agarsiiseera.

Hayilamaariyaam Taganyiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment