Cancala malaammaltummaa diinagdee biyyaalessaa dadhabsiisu

Finfinnee, Hagayya 7, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan imala badhaadhinaa jalqabde galmaan gaʼuuf, lammiilee biyya jaalatan, itti-gaafatamummaan qaban, akkasumas kutannoo fi ciminaan hojjetan irratti hundaaʼuun itti fufsiisuun murteessaadha.

Guddinni biyya tokkoo kan mirkanaaʼu tattaaffii waloo, beekumsa, hojii cimaa fi qindoomina lammiileetiini.

Kanaaf, lammiileen misooma biyya isaanii keessatti qooda fudhachuuf qophii fi kutannoo qaban hamma dabalanitti, milkaaʼina yaadame galmaan gaʼuun ni dandaʼama.

Faallaa kanaatiin garuu,namoonni carraa argatan hundaatti fayyadamuun qabeenya biyya saamanii, qabeenya uummataa fi mootummaa faayidaa dhuunfaa isaaniitiif oolchanii fi guddina biyyaatiif gufuu taʼan yoo jiraatan, sochiin misoomaa kamiyyuu milkaaʼina guutuun galma gaʼuu hin dandaʼu.

Gochoonni seeraan alaa akkanaa yeroon yoo hin ittifamne, kufaatiin cimaa fi jeequmsi diinagdee addaa biyyattii irraan ga’u.

Keessumaa, malaammaltummaa fi gochoonni seeraan alaa hidda gadi fageeffatan, diinagdee Itiyoophiyaa gadi buusuu fi faayidaa misoomaa biyyattiin argachuu qabdu akka hin arganne gochuun gufuu warra taʼan keessaa isaan ijoo dha.

Aadaan hojii seeraan alaa kun sirna faayinaansii biyya tokkoo mancaasuun oomishtummaa kan miidhu, akkasumas dhangalaʼa invastimantii alaa kan daangessuudha.

Biyyi tokko kan ittiin misoomtu, buʼuurri misoomaa kan ittiin ijaaramu, akkasumas dhaabbileen hawaas-dinagdee tajaajila uummataaf oolan kan ittiin babalʼatan gibira uummanni kaffaluuni.

Uummanni Itiyoophiyaa biyya isaa misoomsuu fi hojiiwwan misoomaa jalqabaman itti fufsiisuuf dirqama gibiraa isa irraa eegamu bahachuuf gatii barbaachisu kamiyyuu kaffaluurraa duubatti hin deebinedha.

Kanaaf, lammiileen qabenyaa biyya isaanii fi qaama ijoo misooma biyyattii waan taʼaniif, gibira kaffalani fi gumaacha isaan taasisaniif walgituun tajaajila saffisaa, haqaa fi malaammaltummaa irraa bilisa taʼe argachuu barbaadu.

Kun yoo hin taane, tajaajiloonni sadarkaa garaagaraatti kennaman sirna hojii badaa fi malaammaltummaan yoo gufatan, uummanni “maaliif?” jechuun gaafachuun hin oolu.

Kunis amantaa uummanni sirna hojii mootummaa irratti qabu akka laafuuf sababa taʼa.

Mootummaan komii fi mormii uummataa dhaggeeffachuun, sirnoota hojii badaa dhaabbilee gara garaa keessatti mulʼatan qulqulleessuu, iftoomina fi itti-gaafatamummaa cimsuu irratti xiyyeeffatee hojjechaa jira.

Dabalataanis, diinagdee biyyaalessaa eeguuf, shira diinagdee gurmaaʼe diiguu, sochii maallaqaa seeraan alaa ittisuu fi qaamolee gochoota yakkaa keessatti hirmaatan seeraan toʼachuuf tarkaanfiiwwan fudhatamaa jiran cimanii itti fufaniiru.

Malaammaltummaan, yaada “ani qofti haa jiraadhu” jedhu kan calaqqisiisu yoo taʼu, dargaggoonni dadhabbii fi hojii cimaa hojjechuun of jijjiiruu mannaa, karaa gabaabaa fi saamichaatiin badhaadhina argachuu akka dandaʼan fakkeenya badaa barsiisa.

Kunis balaa isaa daran hammeessa. Yaadni akkanaa aadaa hojii kan miidhu, dandeettii kalaqaa kan laaffisu fi fakkeenya badaa dhaloota kan baraiisuu dha.

Yakki malaammaltummaa fi seeraan alaa bifa tokko qofaan kan daangeffamu osoo hin taane, jireenya hawaasummaa fi sadarkaa itti-gaafatamummaa gara garaa irratti qaamolee adda addaatiin raawwatamuun cancala walxaxaa taʼa.

Rakkoo kana buʼuurarraa furuuf, dhaabbileen sadarkaa garaagaraa jiran, qaamoleen dhimmi ilaallatuu fi hawaasni balʼaan kutannoo fi qindoomina qabuun waliin hojjechuu qabu.

Guddina biyyaalessaa dhugoomsuu fi fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf, malaammaltummaa fi sirna hojii seeraan alaa irratti qabsaaʼuun dirqama mootummaa qofa osoo hin taane, itti-gaafatamummaa waliinii hawaasa hundaati.

Lammiileen sochiiwwan misoomaa sadarkaa gara garaatti gaggeeffaman keessatti abbummaan hirmaachuu, sirnoota hojii badaa mulʼatan saaxiluu fi olaantummaan seeraa fi sirni haqaa akka dagaaguuf gahee irraa eegamu bahachuu qabu.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment