Finfinnee, Ebla 20, 2018(FMC) – Ce’umsi Indaastirii Itiyoophiyaa fedhii guddina diinagdee lakkoofsaan ibsuu caalaa birmadummaa biyyaalessaa waaraan mirkaneessuuf bu’uura murteessadha jedhe Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa.
Mootummaan damee oomishaa onnee birmadummaa taasisuun bocee fedhiilee bu’uuraa humna ofiin uwwisuuf diinagdee tarsiimawaa dhiibbaa fi hirkatummaa alaarraa bilisa ta’e ijaaruuf murannoo olaanaan hojjetaa jiraachuu ibse.
Ce’umsi caasaa kun hudhaalee jiran gara injifannoo tarsiimawaatti jijjiiruun olka’iinsa birmadummaa Itiyoophiyaa qabatamaan mirkaneessaa jira jedhe.
Ce’umsi eegalame gara boqonnaa abbummaa Teeknooloojiitti ce’aa kan jiru yoo ta’u, kunis murannoo cimaa mootummaan damee oomishaa sadarkaa olaanaatti guddisuuf qabuuf mul’iftuu ta’uu eere.
Warshaaleen oomisha Seelii Soolaarii Hawaasaa, Dabrabirhaanii fi Finfinneetti hojiitti galan waggaan sharafa alaa Doolaara biiliyoona 1 ol argamsiisuun Itiyoophiyaan damichaan bu’aa gaarii galmeessaa jiraachuu qabatamaan kan mirkaneesse ta’uu hime.