Cichoominni misooma itti fufsiisa – Komishinar Araarsaa Mardaasaa

Finfinnee, Qaammee 3, 2018 (FMC) – Qaammeen 3 guyyaan Cichoominaa sadarkaa naannoo Oromiyaattis mata duree “Cichoomina biyyaalessaa bu’uura nagaa uummataafi guddina waliigalaatiif” jedhuun Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuutti kabajameera.

Cichoominni bu’uura nagaa uummataa fi badhaadhina waliigalaa aggaammii hundarraa qolachuun daandii misoomaa itti fufsiifsuuf murteessaa ta’uu Hoogganaan Biiroo Bulchiinsaafi Nageenyaa Oromiyaa Komishinar Araarsaa Mardaasaan saganticharratti ergaa dabarsaniin himaniiru.

‎Yaaliin Humni alaa fi keessaa Itiyoophiyaan akka hin cimne gochuuf taasisan wareegama goototaan fashalaa’uun olka’insa dhugoomsaa jiraachuu dubbatan.

Tokkummaa Itiyoophiyaa itti fufsiisuuf wareegamni kaffalamaa ture guddaa ta’uu eeran.

Poolisiin Oromiyaas nageenya uummataa tiksuuf aarsaa guddaa kaffalaa jiraachuu himan.

Asteer Geetahuun + BKO

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment