Finfinnee, Waxabajjii 5, 2018 (FMC) – Daangaawwan walitti hidhamiinsa naannawaaf riqicha ta’uun tajaajluu qabu jedhan Ministir Deetaan Gorsaa Dhimmoota Nageenyaa Ministira Muummee Dooktar Qana’aa Yaadataan.
Yaa’iin biyyaalessaa bulchiinsa daangaa Itiyoophiyaa cimsuufi daangaawwan naannawaa misoomaafi nageenyaa taasisuuf kaayyeffate guyyaa har’aa gaggeeffamuu eegaleera.
Dooktar Qana’aa Yaadataan wayita kana, tattaaffiiwwan biyya keessaa tarsiimoo bulchiinsa daangaafi ajandaa Gamtaa Afrikaa 2063 waliin walsimsuun daangaawwan naannawaa tumsaafi badhaadhinaa gochuun barbaachisaadha jedhan.
Daangaawwan bakka hariiroon nageenyaa, misoomaafi uummattootaa itti gaggeeffamu ta’uu hubachuun barbaachisaa akka ta’es eeraniiru.
Kana malees yaaddoo nageenyaafi gochoota seeraan alaa kan ittisan ta’uu eeruun, walitti hidhamiinsa naannawaaf riqicha ta’uu akka qaban hubachiisaniiru.
Daayrektarri Olaanaan Inistiitiyuutii Qorannoo Dhimma Alaa Ambaasaaddar Jaafar Badruu gamasaaniin, Gaanfa Afrikaatti tasgabbii waaraa mirkaneessuuf magaalota gurguddoo qofa osoo hin taane naannawaan daangaafi hawaasni qooda olaanaa qabaachuu ibsaniiru.
Daangaawwan Itiyoophiyaa ammas taanaan yaaddoo nageenyaafi kontiroobaandiif saaxilamoo ta’uun kan ibsame yoo ta’u, faallaa kanaa walitti hidhamiinsa naannawaafi misoomaaf dandeettii olaanaa qabaachuun eerameera.
Zaman Bayyanaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia