Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa Kaayyoo Jabaan Ijaarame

Finfinnee, Onkoloolessa 9, 2019 (FMC) – Biyyi tokko akka jiraattuuf dhaabbanni ga’umsa qabuu fi birmadummaa ishee eegu, nageenya ishee kabachiisuu fi nageenya lammiilee ishee mirkaneessu dhaabbata gahumsa qabu jiraachuun dirqama.

Raayyaan Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaas dhaabbilee ijoo birmadummaa, kabajaa biyyaalessaa fi nageenya ummata biyyattii cichoominaan eegan keessaa isa tokko.

Seenaa gootummaa fi injifannoo Itiyoophiyaanotaa keessatti Raayyaan Ittisa Biyyaa beekumsa waraanaa ammayyaa, teeknooloojii fi gahumsa ogummaa waliin qindeessuun, qormaatilee nageenyaa yeroo ammaa mudatan dandamachuuf humna gahumsaa fi dammaqinaan qophaa’e dha.

Raayyichi mala waraanaa ammayyaa fi saffisa qabuun dameewwan diina qolachuu danda’an,dameelee lafoo, qilleensaa, galaanaa fi nageenya saayibarii keessatti qophii gahaa kan qabuu fi hojii qindaa’aa fi itti fayyadama teeknooloojii irratti dandeettii isaa kan gabbifate, utubaa nageenyaa fi birmadummaa biyyaati.

Raayyaan Ittisa Biyyaa ga’umsa, naamusaa fi qophii barbaachisaa ta’een ijaarame, walitti bu’iinsa ittisuu, nageenya daangaa mirkaneessuu fi birmadummaa biyyattii eeguu kan danda’uu dha.

Raayyaan Ittisa Biyyaa hojiiwwan deeggarsa hawaasummaa, damee qonnaa, sagantaa Ashaaraa Magariisaa fi tattaaffiiwwan misoomaa biyyaalessaa biroo keessatti hirmaannaa taasisuun aantummaa ummataaf qabu mirkaneesseera.

Kunis Raayyaan Ittisa Biyyaa loogii siyaasaa kamirraayyuu bilisa ta’ee, nageenya ummataa fi faayidaa biyyaalessaaf dursa kan kennu, dirqama heera mootummaa irratti hundaa’uun naamusa ogummaa isaatiin kan hoogganamu ta’uu isaa mul’isa.

Hirmaannaan Raayyaan Ittisa Biyyaa Gaanfa Afrikaa fi ergamoota nageenya kabachiisuu idil-addunyaa keessatti qabu, tumsa naannawaa fi nageenya waloof dursa kan kennu ta’uus ragaa ba’a.

Ciminni raayyaa waraanaa meeshaalee fi dandeettii waraanaa qofaan osoo hin taane, amantaa ummataa, itti gaafatamummaa fi naamusa ogummaatiin kan madaalamu dha.

Raayyaan Ittisa Biyyaa amantaa fi hariiroo ummata waliin qabu cimsachuun, gumaacha nageenyaa fi tasgabbii biyyaatiif qabu kan guddisuu dha.

Kunis mul’ata misoomaa fi badhaadhina biyyattii galmaan ga’uun, nageenya kabachiisuu fi birmadummaa eeguun itti gaafatamummaa waloo lammiilee fi dhaabbilee hundaa ta’uu mul’isa.

Raayyaan Ittisa Biyyaa cimaa nageenya, birmadummaa fi milkaa’ina misooma biyyaatiif bu’uura waan ta’eef, ga’umsi ogummaa, deeggarsi ummataa fi tokkummaan isaa cimuun nageenyaa fi misooma waaraa Itiyoophiyaa fi lammiilee isheef utubaa guddaa dha.

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #Mul’ataGuddicha

Mihirat Damiseetiin

Comments (0)
Add Comment