Finfinnee, Onkoloolessa 9, 2019 (FMC) – Itiyoophiyaan ulaa galaanaa duraan qabdu shira siyaasaan dhabdee galaana irraa fagaachuun daawwataa qofa taatee hafuuf dirqamtee turte.
Mootummaan Ida’amuu murtoo gaabbiin guute fudhachuun, ga’ee teessuma lafaa fi naannawaa akkasumas baay’ina ummata qabdu tilmaama keessa galchuun, ulaa galaanaa argachuun dhimma birmaddummaa biyyaa ta’uu kaa’eera.
Dhimma murteessaan kun ajandaa mootummaa fi uummataa erga ta’ee bubbuleera.
Dhimmichi ajandaa ta’uu irra darbees deebii qabatamaa akka argatuuf bu’uurri kaa’ameera.
Humna Galaanaa cimaa hundeessuu dabalatee, hojiiwwan ulaa galaanaa argachuu waliin walqabatan garaagaraa xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiru.
Itiyoophiyaan Humna Galaanaa ammayyaa kan hundeessite bara 1948 ture.
Haa ta’u malee, shira siyaasaa qindaa’een, sagalee ishee sirnaan osoo hin dhageessisin ulaa galaanaa ishee dhabuu hordofee, Humni Galaanaa biyyattii akka diigamuufi waggoota 30f dhabamsiisuuf hojjetamaa tureera.
Mootummaan Ida’amuu faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kabachiisuuf xiyyeeffannoo addaa kennuun, gaaffiin ulaa galaanaa biyyattii deebii argachuu akka qabu murteessuun gara hojiitti seeneera.
Tarkaanfii kanaanis, Humni Galaanaa Itiyoophiyaa duraan Afrika keessatti maqaa guddaa qabaachaa ture, bara 2011 irra deebiin akka hundaa’u ta’ eera.
Gaanfi Afrikaa tasgabbii kan hin qabne, biyyoonni hedduun buufata waraanaa kan itti ijaarratan, akkasumas saamtoti galaana irraa gurmaa’an kan keessatti argaman waan ta’eef, Itiyoophiyaan Humna Galaanaa ishee irra deebiin hundeessuun dirqama ta’eera.
Itiyoophiyaan haala biyya keessaa fi idil-addunyaa tilmaama keessa galchuun faayidaa biyyaalessaa ishee kabachiisuuf Humna Galaanaa ishee caasaa cimaa irratti hundaa’een ijaaraa jirti.
Hojii kanaanis leenjii bu’uuraa Humna Galaanaa, Komandoo Galaanaa fi hojiiwwan biroo irratti ijaarsa humna namaa garaagaraa raawwachaa turteetti.
Haaluma kanaan, humna bishaanii kamirraayyuu haleellaa mudachuu danda’u gahumsaan qolachuu kan danda’u Humni Galaanaa ijaaramee jira.
Ajajaan Olaanaa Humna Galaanaa Itiyoophiyaa Riir Admiiraal Kinduu Gazzuu dhimma kana ilaalchisee akka ibsanitti, Humni Galaanaa akka cimuufi dhaabbata cimaa ta’ee akka ijaaramuuf hojiiwwan bal’aan raawwatamaa jiru.
Haaluma kanaan, Humni Galaanaa sadarkaa faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kabachiisuuf qaama bishaanii kamirraayyuu haleellaa mudachuu danda’u gahumsaan qolachuu danda’u irra akka ga’uuf hojjetamaa jira.
Humni Galaanaa Itiyoophiyaa gahumsa addaan dirqama isaa karaa olaanaa ta’een akka ba’uuf dandeettiiwwan cimaa dursee ijaarateera.
Dhaabbatichi erga hundeeffamee kaasee, dandeettii humna namaa guddisuu, kutaa Humna Galaanaa gurmeessuu fi bu’uuraalee misoomaa guutuu irratti hojiiwwan bu’a qabeeyyii raawwachaa tureera.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa