Finfinnee, Onkoloolessa 26, 2019 (FMC) – Dargaggoonni Tigraay bu’aa waraanaa irraa argachuun akka hin danda’amne hubachuu fi hojjechuun jijjiirama fiduu waan barbaadaniif gara nagaatti deebi’uu isaanii Hoji-raawwachiisaan Olaanaa Dhimma Nageenyaa fi Tasgabbii Bulchiinsa Imaanaa Naannoo Tigraay Birgaader Jeneraal Gabragzaabeer Bayyanaa (Waddii Anxir) ibsaniiru.
Birgaader Jeneraal Gabragzabeer Bayyanaa , naannoo Tigraay keessatti nageenyi waaraa, tasgabbii fi misoomni akka mirkanaa’uuf namoota duraan hidhatanii turaniif leenjii haaromsaafi deebisanii dhaabuu kennuuf galmeen erga jalqabee as jiraattonni nageenyaa fi tasgabbii mirkaneessuuf tattaaffii guddaa taasisaa akka jiran dubbataniiru.
Ummanni naannolee garaagaraatti hoggantoota bulchiinsa naannoo isaanii filachaa, namoonni duraan hidhatanii turanis gara wiirtuu leenjii haaromsaatti akka seenan jajjabeessaa akka jiran ibsaniiru.
Naannoo Tigraay nageenyi ishee mirkanaa’ee fi misoomni keessatti babal’ate uumuuf gaheen dargaggootaa olaanaa ta’uu kan ibsan Birgaader Jeneraal Gabragzaabeer, dargaggoonni bu’aa waraanaa irraa argachuun akka hin danda’amne hubachuu fi hojjechuun jijjiirama fiduu waan barbaadaniif gara nagaatti garagalaniiru jedhaniiru.
Kunis ummanni Bulchiinsa Imaanaa Naannoo fi leenjii haaromsaarratti amantaa akka qabu kan agarsiisu ta’uu ibsanii, nageenya amma argameetti fayyadamuun saffisaan gara misoomaatti ce’uun akka isaan irraa eegamu hubachiisaniiru.
Leenjiin kun hojiiwwan jijjiiramaa dameewwan barnootaa, fayyaa, daldalaa fi dhaabbilee tajaajilaa biroo naannichatti jalqabaman saffisiisuuf humna oomishtummaa qabu gurmeessuuf kan gargaaru ta’uus ibsaniiru.
Itti Aanaan Komishinara Komishinii Haaromsa Biyyaalessaa Tasfaalam Yihidagoo gama isaaniin, sirni idil addunyaa Hidhannoo Hiiksisuu fi Deebisanii Hawaasatti Makuu (DDR) jalqabame kun hojimaata hordofuun ulaagaalee barbaachisan guutee raawwatamaa jiraachuu ibsaniiru.
Haaluma kanaan, namoota kuma 5 fi 500 leenjii haaromsaafi deebisanii dhaabuu Magaalaa Maqaleetti kennamu irratti hirmaataniif galmeen har’a jalqabuu dubbataniiru.
Hirmaattonni leenjii kana fudhatan beekumsa leenjicha irraa argatan hojii irra oolchuun rakkoolee hawaasaa furuufi nageenya mirkaneessuu keessatti gahee isaanii akka bahanis ibsaniiru.
Itiyoophiyaatti Daayirektarri Sagantaa DDR Dhaabbata Misoomaa Mootummoota Gamtoomanii (UNDP) Baasil Maasiyaa gama isaaniin, UNDP waliigaltee Piriitooriyaa mallatteeffame irraa eegalee nageenyi akka mirkanaa’uuf deeggarsa taasisaa turuu ibsaniiru.
Nageenyi amma argamee fi leenjiin haaromsaa jalqabame gammachuu guddaa akka isaanitti uume dubbataniiru.
Mootummaan Itiyoophiyaa ummata deeggaruu fi naannicha deebisee ijaaruuf tattaaffii taasisaa jirus dinqisiifataniiru.
Dargaggoonni naannichaa bakka hundatti argaman, akkasumas qaamoleen hawaasaa biroon hidhannoo isaanii hiikkatanii leenjii kana irratti hirmaachuun Tigraayii fi Itiyoophiyaa badhaate ijaaruu keessatti gahee isaanii akka bahaniif waamicha dhiyeessaniiru.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa
Mihirat Damiseetiin