Dhaabbata seenaa misooma Mana jireenyaa jijjiiru…

Itiyoophiyaan biyyoota guddinni magaalotaa fi lakkoofsi ummataa saffisaan dabalaa keessaa ishee tokkodha.

Dhaabbanni ‘The Global Economy’ jedhamu akka gabaaseetti, Itiyoophiyaan biyyoota addunyaa keessaa saffisa guddina uummata magaalaa olaanaa qaban keessatti sadarkaa 11ffaa irratti argamti.

Saffisaan guddachuun lakkoofsa ummata magaalaa ammoo fedhiin mana jireenyaa fi bu’uuraaleen misoomaa akka dabalu taasisa.

Kanaaf mootummaan Ida’amuu, fedhii mana jireenyaa guutuu fi guddina magaalotaa saffisiisuuf sochiilee misoomaa bal’aa gaggeessa jira.

Mootummaan waggoottan darban hanqina dhiyeessii mana jireenyaa furuuf manneen jireenyaa hedduu ijaaruun tajaajilaaf qaqqabsiiseera.

Kanaanis Lammiileen galii gadi aanaa fi giddugaleessaa qaban hedduun abbaa manaa ta’aniiru.

Imaammata abbootii qabeenyaa dhuunfaa misooma manneenii keessatti hirmaachisuuf dandeessisu bocuun, tarkaanfiiwwan tumsa ummataa fi dhuunfaa cimsan hojjetamaniiru.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ijaarsi Hidha Haaromsaa xumuramuu wayita labsan haasawa taasisaniin Missiraachoowwan Gubaa 7 ifoomsuun kan yaadatamuudha.

Bu’uuruma kanaan Piroojektoota jajjaboo torban waggoota shanan itti aanaan raawwachuuf karoorfaman keessaa dhimmi mana jireenyaa isa tokko.

Wayituma kana waggoota eeraman keessatti manneen jireenyaa miiliyoona 1.5 ijaaruuf sagantaan jiraachuu ifoomsanii turan.

Haa ta’u malee, hanqinni dhiyeessii faayinaansii damee kana keessatti mul’atu, akkasumas liqii yeroo dheeraa misooma mana jireenyaaf oolu gahaa ta’e dhabamuun, Itiyoophiyaa keessatti akka qormaata guddaa tokkootti eerama.

Kanuma bu’uura godhachuun Dhaabbata liqii bittaa manaa biyya keenyatti isa jalqabaafi adda ta’e deebisanii cimsuufi hundeessuuf jecha haammattoon walta’iinsa seena-qabeessa ta’e Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaafi Korporeeshinii Maallaqa Idil-addunyaa gidduutti mallattaa’eera.

Dhaabbanni gama Itiyoophiyaatiin Birrii biiliyoona 100 fi gama Korporeeshinii Maallaqa Idil-addunyaatiin ammoo gumaacha Doolaara miliyoona 200 gahuun hundaa’e kun walsimuu dhabuu yaa’a maallaqa callaa damee baankii biyya keenyaatti mul’atu kan furuufi Itiyoophiyaa guutuutti liqii maallaqa bittaa manaa kan argamsiisudha.

Michummaan kun tarkaanfii murteessaa manneen miiliyoona 1.5 gatii walsimaa ta’eefi kabaja Itiyoophiyaanotaaf malan dhiyeessuuf, akkasumas tarkaanfii murteessaa galma sirna maallaqaa keessatti hirmaannaa damee dhuunfaa babal’isuuf kaawwanne milkeessudha.

Itiyoophiyaan dinagdee saffisaa, cimaafi hundumaa haammatu ijaaruushii kan itti fuftu ta’uu ibsan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

Dhaabbanni haaraan kun damee misooma manneen ceesisuu kan danda’u olka’iinsa guddaa yoo ta’u, mootummaan fedhii mana jireenyaa lammiilee guutuuf murannoo qabuuf agarsiiftuu jabaadha.

Waliigaltichi hanqina dhiyeessii manneen jireenyaa bal’aan mul’atu furuuf gumaachaa olaanaa qabaataan eegama.

Teediroos Saahileetiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment