Dhiyeessiin boba’aa Naafxaa iddoo isaa duraatti akka deebi’u murtaa’e

Finfinnee, Ebla 21, 2018 (FMC) – Dhiyeessiin boba’aa Naafxaa waraanni Baha Gidugaleessaa osoo hin mudatiin dura bakka turetti akka deebi’u murtaa’eera jedhan Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shideen.

Obbo Ahimad Shideen ibsa kennaniin, hanga oomishaafi sosochii geejjibaa yeroo ammaa ilaaluun dhiyeessiin Naafxaa bakka dura turetti akka deebi’u mootummaan murteesseera jedhan.

Sababa waraanichaan dhiyeessiin Naafxaa walakkaan hir’atee akka ture yaadachiisanii, haaluma Kanaan guyyaatti Naafxaa liitirri miiliyoonni 4.5 dhiyaachaa akka ture ibsaniiru.

Yeroo ammaa kana garuu waraanichaan dura dhiyaachaa kan ture guyyaatti liitirri miiliyoonni 9 akka dhiyaatu murtaa’uu kaasaniiru.

Kanaafis mootummaan deeggarsa dabalataa Birrii biiliyoona 20 akka taasisu hubachiisaniiru.

Naafxaan Jibuutiirraa gara Finfinneetti geejjibsiifamuu akka eegale ibsanii, deeggarsi boba’aa waliigalaa Birrii biiliyoona 300 irra darbuu eeran.

Beenzillii fi boba’aan xiyyaaraa hanguma waraanicha dura tureen dhiyaachaa akka jiran kaasaniiru.

Finfinneef guyyaa har’aa irraa eegalee naannoleef ammoo boru irraa eegalee hojiin Jibuutiirraa Naafxaa geejjibsiisuu akka hojjetamu ibsaniiru.

Zufaan Kaasaahuntu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment