Dinagdee cimaa ijaaruun mootummaa qofaan hin raawwatamu- Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Hagayya 6, 2018(FMC)- Dinagdee cimaa ijaaruun mootummaa qofaan hinraawwatamu jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Obbo Shimallis Abdiisaa ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Riifoormiin karaa โ€˜๐—ข๐—ฟ๐—ผ๐—บ๐—ถ๐—ฎ ๐—ฆ๐—ผ๐˜ƒ๐—ฒ๐—ฟ๐—ฒ๐—ถ๐—ด๐—ป ๐—™๐˜‚๐—ป๐—ฑโ€™ taasifne dandeettii caasawaa horataalee mootummaa guddisuun dhaabbilee faayinaansii walitti hidhamiinsa qaban uumuu keessatti tarkaanfii tarsiimaโ€™aa ture jedhan.

Guutuun ergaa isaanii akka itti aanutti dhiyaateera.

๐๐š๐š๐ง๐ค๐ข๐ข ๐’๐ข๐ข๐ง๐ช๐ž๐ž: ๐๐ฎโ€™๐š๐š ๐…๐š๐š๐ฒ๐ข๐ง๐š๐š๐ง๐ฌ๐ข๐ข ๐ˆ๐ซ๐ซ๐š ๐†๐š๐ซ๐š ๐‡๐ฎ๐ฆ๐ง๐š ๐ƒ๐ข๐ง๐š๐ ๐๐ž๐ž๐ญ๐ญ๐ข
Dinagdee cimaa ijaaruun mootummaa qofaan hinraawwatamu. Ceโ€™umsi dinagdee dhaabbilee dinagdee ummata baldhaa sochii oomishaa, invastimantiifi kalaqaa keessa galchan barbaada.

Hoggansi Jijjiiramaa galmoota qabsoo dinagdee ummata Oromoo milkeessuuf utubaalee kaaโ€™e keessaa, dhaabbilee warraaqsa dinagdee hoโ€™isan ijaaruufi ummata baldhaa sochii dinagdee qabatamaa keessa galchuun bakka olaanaa qabu. Baankiin Siinqee, waggoota muraasa keessatti, gahee kana yaadarraa gara qabatamaatti jijjiiruu keessatti tarkaanfii muldhatu taasisee jira.
Sirni faayinaansii biyya keenyaa yeroo dheeraaf namoota galii xiqqaa qaban, qoteefi horsiisee bultoota, dargaggoota, dhaweeyyiifi intarpiraayizoota xixiqqaa bira gahuurratti daran daangaโ€™aa ture. Daangaa kana cabsuun faayinaansii gara hawaasa baldhaatti dhiyeessuu keessatti Baankiin Siinqee adda durummaan sochoโ€™aa jira.

Hanga yoonatti, liqii waliigalaa Birrii ๐—•๐—ถ๐—น. ๐Ÿญ๐Ÿฎ๐Ÿณ.๐Ÿญ ol taโ€™u ๐—น๐—ฎ๐—บ๐—บ๐—ถ๐—ถ๐—น๐—ฒ๐—ฒ ๐—ธ๐˜‚๐—บ๐—ฎ ๐Ÿต๐Ÿฌ๐Ÿฌโ€™tti dhiyaatan biraan gaheera. Tajaajila dijitaalaa โ€œ๐—ช๐—ฎ๐—ฏ๐—ถ๐—ถโ€ qofaan liqii Birrii ๐—•๐—ถ๐—น. ๐Ÿด.๐Ÿฏ ๐—ผ๐—น dhiyeessuun namoota ๐— ๐—ถ๐—น. ๐Ÿญ.๐Ÿฒ ๐—ผ๐—น taโ€™an bira qaqqabeera. Lakkoofsi kun baldhina hojii baankii qofa osoo hintaane, baldhina namoota daawwatummaa irraa gara hirmaattummaa sirna dinagdeetti ceesisaa jiru agarsiisa.

Faayinaansiin qoteefi horsiisee bulaa bira yemmuu gahu, liqii qofa miti. Dandeettii oomishtummaa uuma. Dhaweessi ykn dargaggeessi yemmuu kaappitaala argatu, dandeettii isaa gara hojii qabatamaatti, yaada isaa gara intarpiraayiziitti jijjiira.

Intarpiraayizoonni xixiqqaan yemmuu deeggarsa faayinaansii argatan, carraan hojii uumaniifi galiin argamsiisan nibabaldhata. Kanaaf, gahee Baankii Siinqee lakkoofsa maamiltootaa ykn baayโ€™ina liqii kenneen qofa osoo hintaane, sadarkaa qabbabummaa faayinaansii gara dandeettii oomishtummaafi jireenya fooyyaโ€™aatti jijjiiraa jiruun madaalamuu qaba.

Guddinni Baankichaa gama birootiinis buโ€™uura cimaa qabachaa jira. Bara bajataa 2018 qofa buโ€™aa waliigalaa โ€˜piroovizyiniiโ€™ dura Birrii ๐—•๐—ถ๐—น. ๐Ÿญ๐Ÿฌ.๐Ÿณ galmeessiseera. Qusannoon maamiltootaa Birrii ๐—•๐—ถ๐—น. ๐Ÿญ๐Ÿณ๐Ÿด.๐Ÿญ gaheera; qabeenyi waliigalaa Baankichaa Birrii ๐—•๐—ถ๐—น. ๐Ÿฎ๐Ÿญ๐Ÿฒ.๐Ÿฎโ€™tti guddateera; kaappitaalli waliigalaas Birrii ๐—•๐—ถ๐—น. ๐Ÿฎ๐Ÿฏ.๐Ÿญ gaheera.

Ragaan kun guddina hojii Baankii Siinqee qofa osoo hintaane, humna namaa dandeettii faayinaansii isaa cimsuuf isa dandeessisu horachaa akka jiru agarsiisa.

Haataโ€™u malee, milkaaโ€™inni dhumaa Baankii Siinqee buโ€™aa faayinaansiifi guddina qabeenyaa qofaan hinmadaalamu. Guddinni faayinaansii sun gara humna oomishtummaatti, humni oomishtummaa gara invastimantiitti, invastimantiin gara carraa hojiifi galiitti, carraan hojiifi galiin ammoo gara fooyyaโ€™iinsa jireenya hawaasaatti jijjiiramuu qabu.

Kanaaf, milkaaโ€™inni dhugaa Baankichaa danqaa faayinaansii cabsuun hawaasa galii gadi aanaafi carraa dinagdee muraasa qaban sochii dinagdee qabatamaa keessa galchuu, qoteefi horsiisee bulaa gara invastimantiitti ceesisuu, dargaggoonnifi dhaweeyyiin yaadaafi ogummaa isaanii gara intarpiraayiziitti akka jijjiiran tajaajila faayinaansii mijataa uumuufi, hundaa ol, faayinaansii gara oomishtummaatti jijjiiruun jireenya hawaasaa qabatamaan fooyyeessuudha.

Kanaaf, tarkaanfiin ittaanu guddina qabeenya Baankichaa qofa osoo hintaane, qulqullina yaaโ€™ina kaappitaalaa irratti xiyyeeffachuu qaba. Gama tokkoon qabeenyi Baankichaa gara dameewwan oomishtummaa olaanaa qabanitti: qonnaa, intarpiraayizii qonnaafi kurfeessa omishaalee qonnaa irraa hanga industirii, tajaajila, teknoolojiifi intarpiraayizoota dhaloota haaraatti sirnaan yaaโ€™uu qaba.

Gama birootiin sirna faayinaansii kalaqaafi teknoolojii dijitaalaa irratti hundaaโ€™e diriirsuun tajaajila saffisaa, salphaafi qaqqabamaa babaldhisuun barbaachisaadha. Baankiin Siinqee guddachaa akkuma jiru, guddina isaa humna dinagdee ummataa taasisuu irratti caalaatti cichuu qaba.

Gama kanaan, riifoormiin karaa ๐—ข๐—ฟ๐—ผ๐—บ๐—ถ๐—ฎ ๐—ฆ๐—ผ๐˜ƒ๐—ฒ๐—ฟ๐—ฒ๐—ถ๐—ด๐—ป ๐—™๐˜‚๐—ป๐—ฑ taasifne dandeettii caasawaa horataalee mootummaa guddisuun dhaabbilee faayinaansii walitti hidhamiinsa qaban uumuu keessatti tarkaanfii tarsiimaโ€™aa ture. ๐—š๐—ฎ๐—ฟ๐—ฒ๐—ฒ ๐—ฆ๐—ถ๐—ถ๐—ป๐—พ๐—ฒ๐—ฒ jalatti ๐—•๐—ฎ๐—ฎ๐—ป๐—ธ๐—ถ๐—ถ ๐—ฆ๐—ถ๐—ถ๐—ป๐—พ๐—ฒ๐—ฒ, ๐—Ÿ๐—ถ๐—ถ๐˜‡๐—ถ๐—ถ ๐—ฆ๐—ถ๐—ถ๐—ป๐—พ๐—ฒ๐—ฒ, ๐—œ๐—ป๐˜€๐—ต๐˜‚๐—ฟ๐—ฎ๐—ฎ๐—ป๐˜€๐—ถ๐—ถ ๐—ฆ๐—ถ๐—ถ๐—ป๐—พ๐—ฒ๐—ฒ๐—ณ๐—ถ ๐—•๐—ฎ๐—ฎ๐—ป๐—ธ๐—ถ๐—ถ๐—ป ๐—œ๐—ป๐˜ƒ๐—ฎ๐˜€๐˜๐—ถ๐—บ๐—ฎ๐—ป๐˜๐—ถ๐—ถ ๐—ฆ๐—ถ๐—ถ๐—ป๐—พ๐—ฒ๐—ฒ hundeessuun keenya, kaappitaala kuusuu, liqeessuu, invastimantii, inshuraansiifi liizii walitti hidhun sirna faayinaansii baldhaa ijaaruuf carraa olanaa uumaa jira. Kanaaf, xiyyeeffannoon keenya ittaanu, โ€œ๐—ฐ๐—ฎ๐—ฎ๐˜€๐—ฎ๐—ฎ ๐—ธ๐—ฎ๐—ป๐—ฎ ๐—ด๐—ฎ๐—ฟ๐—ฎ ๐—ต๐˜‚๐—บ๐—ป๐—ฎ ๐—ฑ๐—ถ๐—ป๐—ฎ๐—ด๐—ฑ๐—ฒ๐—ฒ ๐—พ๐—ฎ๐—ฏ๐—ฎ๐˜๐—ฎ๐—บ๐—ฎ๐—ฎ ๐—ป๐—ฎ๐—ฎ๐—ป๐—ป๐—ผ๐—ผ ๐—ธ๐—ฒ๐—ฒ๐—ป๐˜†๐—ฎ ๐—ต๐—ฎ๐—บ๐—บ๐—ฎ๐˜๐˜‚๐˜‚๐˜๐˜๐—ถ ๐—ฎ๐—ธ๐—ธ๐—ฎ๐—บ๐—ถ๐˜๐˜๐—ถ ๐—ท๐—ถ๐—ท๐—ท๐—ถ๐—ถ๐—ฟ๐—ฟ๐—ฎ?โ€ kan jedhu taโ€™uu qaba.

Raawwii olaanaa bara bajataa 2018 galmaaโ€™eef, hoggansa, boordiifi hojjettoota Baankii Siinqee maqaa kiyyaafi maqaa MNOโ€™tiin galateeffachuun barbaada. Mootummaan Naannoo Oromiyaa, Baankiin Siinqee maqaa, kaayyoofi ergama ittiin hundaaโ€™e qabatee guddina isaa akka itti fufsiisuufi gahee isaa akka caalaatti bahatuuf deeggarsa barbaachisu mara kan taasisu taโ€™uu irra deebiin kanan mirkaneessu taโ€™a.

Comments (0)
Add Comment