Dippiloomaasiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaa haala bilchina qabuun kan dhiyaatee fi fageessanii yaaduun kan itti mul’ate yoo ta’u fedhiiwwan siyaasaa walxaxaa naannawichaa qajeeltoo fayyadamummaa waloon walitti araarsuuf kan kaayyeffatedha.
Qajeeltoon kun furmaata waaraaf daandii filmaata biraa hin qabnedha.
Itiyoophiyaan uummata ishee miiliyoona 100 fi miiliyoona 30 oliif akkasumas diinagdee ishee saffisaan guddachaa jiruuf ulaa galaanaa argachuu dhimma nageenyaafi faayidaa biyyaalessaa godhatteetti.
Fottoquu Eertiraa hordofee ulaa galaanaa kan dhabde Itiyoophiyaan waggoottan 30 darbaniif buufata tokko qofarratti hirkattee turuun dhiibbaa diinagdeefi ji’oopolatiksiif ishee saaxileera.
Rakkoo tarsiimawaa kana furuuf mootummaan Itiyoophiyaa tattaaffiiwwan dippiloomaasii fayyadamummaa waloo, marii karaa nagaafi seerota idil-addunyaa bu’uura godhatan taasisaa jira.
Gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaa birmadummaa biyyoota biroo hin sarbu. Inumaayyuu guddina waloo kan mirkaneessu ta’uu irra deddeebiin waltajjiiwwan dippiloomaasii garaagaraarratti ibsaa turteetti.
Biyyoota ollaa buufata dhiyeessaniif dhaabbilee gurguddoo akka Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa, Itiyoo-Telekoom yookaan ammoo humna elektirikaa Hidha Guddicha Haaromsaa Itiyoophiyaa waloon fayyadamuuf qophii ta’uu ibsiteetti.
Adeemsi kun faayidaa diinagdee biyyoota ollaa guddina Itiyoophiyaa waliin kallattiin kan walitti hidhudha.
Itiyoophiyaan hirkattummaa daldalaa %95 buufata Jibuutii irratti qabdu hir’isuuf dirree dippiloomaasii ishee bal’ifteetti.
Mootummaa Keeniyaa waliin ta’uun buufata Laamuu, bu’uuraalee misoomaa baaburaafi daandiin Itiyoophiyaa waliin walqabsiisuuf waliigalteewwan teeknikaafi siyaasaa mallatteessiteetti.
Bifuma walfakkaatuun buufata Barbaraa fayyadamuufi filmaata tarsiimoo buufataalee fayyadamuuf hojjechaa jirti.
Mootummaan Itiyoophiyaa fedhii ulaa galaanaa milkeessuufi humna yookaan waraana akka hin fayyadamne irra deddeebiin hawaasa idil-addunyaaf mirkaneesseera.
Mootummoota Gamtoomaniitti bu’uura konveenshinii seera ulaa galaanaan biyyoonni ulaa galaanaa hin qabne mirga ulaa galaanaatti fayyadamuu akka qaban tumame bu’uureffachuun dhiibbaawwan dippiloomaasii gochaa jirti.
Sababa naannawichatti muddamni siyaasaa uumameef gaaffiin ulaa galaanaa kun gara walitti bu’iinsaatti akka hin jijjiiramneef Itiyoophiyaan qaama sadaffaan mariisistoota idil-addunyaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjechaa jirti.
Haaluma Kanaan Itiyoophiyaan karaa seeraafi dippiloomaasiin daandii ittiin ulaa galaanaa argattu mijeessaa jirti.
Tattaaffiin kun milkaa’inaan wayita xumuramu Itiyoophiyaan baasii daldala al-ergiifi galchiif baastu sadarkaa olaanaan hir’isa.
Kunis birmadummaa ishee guddisuun biyyoota Gaanfa Afrikaa diinagdeen walitti hidhuufi nageenya naannawaaf bu’uura cimaa kaa’a.