Finfinnee fi naannawaa isheetti har’aa eegalee Diroonii kamiiyyuu balaliisuuf eeyyamni hin kennamu – Tajaajilicha

Finfinnee, Fulbaana 20, 2019 (FMC) – Finfinnee fi naannawaa isheetti har’aa eegalee Diroonii kamiiyyuu balaliisuuf eeyyamni hin kennamu jedhe Tajaajilli Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa.
Tajaajilichi itti fayyadama Diroonii fi qaamolee balali’an biroo ilaalchisee ibsa kenneen Dirooniwwanii fi qaamolee balali’an biroo to’achuuf teeknooloojii qindaa’aa farra Diroonii fayyadamuun hordoffii taasisaa jiraachuu hime.
Qaama qajeelfama kenname darbuuf yaale kamiiyyurratti tarkaanfii barbaachisu kan fudhatu ta’uu ibseera.
Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa, yeroo dhiyoo asitti dirooniiwwanii fi meeshaalee teeknooloojiiwwan wal fakkaatan bal’inaan hojiirra oolaa dhufan sodaa nageenya biyyaalessaa uumuu danda’an ittisuuf teeknooloojiiwwan ammayyaa hidhachuu, humna namaa gahaa fi gahumsa qabu horachuu isaa eereera.
Akkasumas, qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindaa’uun qajeelfamicha hojiirra oolchuuf qophii gahaa taasisuu hime tajaajilichi ibsa Faanaa Diijitaaliif ergeen.
Comments (0)
Add Comment