Dooktar Abiy Ahimad buufataa xiyyaaraa Gadaa Nagallee Booranaa eebbisan

Finfinnee, Caamsaa 19, 2018(FMC)- Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad guyyaa har’aa buufataa xiyyaaraa Gadaa Nagallee Booranaa eebbisaniiru.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, iddoo gahumsa biyya keessaa Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa 24ffaa kan ta’e buufata xiyyaaraa haaraa Gadaa Nagallee Booranaa ifatti eebbisneerra jedhan.

Buufanni xiyyaaraa kun xiyyaarota ammayyaa akka Booyiing Maaksi 737 keessummeessuuf dandeettii qabaachuu eeranii, mul’ata waljijjiirraa daldalaa naannawichaa akkasumas daangaa ce’aa fi tuurizimii guddisuu qabatee torbanitti balallii yeroo sadii akka keessummeessu ibsaniiru.

Tokkoon tokkoo buufata xiyyaaraa haaraa ijaarru fageenya gabaabsuun walitti hidhamiinsa uuma, dandeettii diinagdee naannolee dadammaqsa akkasumas walitti hidhamiinsa uummattootaa cimsa jechuun eeraniiru.

Afrikaan kan itti boontuufi waggaa 80ffaa isaa kan qabate Daandiin Qilleensaa keenya dhugumatti miira haaraa Afrikaa‎ (The New Spirit of Africa!”)’ti jedhan.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment