Dooktar Abiy Ahimad Ministira Muummee Maaleezhiyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 2, 2019 (FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Ministira Muummee Maaleezhiyaa Anwaar Ibraahim waliin mari’achuu ibsaniiru.

Dooktar Abiy Yaa’ii 18ffaa BRICS cinatti Ministira Muummee Maaleezhiyaa Anwaar Ibraahim waliin wal argineerra jedhan.

‎Dooktar Abiy gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, Sadaasa bara 2018 daawwaanaa seenaa qabeessaa Ministirri Muummee Maaleezhiyaa Finfinneetti taasisaniin, carraa gaarii argaman caalmaatti cimsuu akkaataa dandeesisanirratti mari’aneerra jedhan.

Mariin isaanii Invastimanitii, Tuurizimii, michummaa damee anniisaa haroomfaan jiru babal’isuu fi imala gara COP 32titti taasifamuuf tumsa jiru cimsuurratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsaniiru.

Dabalataniis Misooma Paarkiwwan Indaastirii Maaleezhiyaa, oomishtummaa fi damee oomishaarraa muxannoo qooddachuun carraa danda’amurratti marii gaggeessaniiru.

Itiyoophiyaa fi Maaleezhiyaan michummaa diinagdee cimaa hundeessuuf dandeettii qabaachuu eeruun, kunis Invastimantii, teeknooloojii, ogummaa fi hammattoo misooma waaraa irratti carraalee haaraa kan uuman ta’uu himaniiru.

Comments (0)
Add Comment