Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaantii Buruundii waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 14, 2019 (FMC) –Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaantii Buruundii fi Dura Taa’aa Yeroo Gamtaa Afrikaa Evaariisti Nigaayishiimiiyyee waliin mari’ataniiru.

Dooktat Abiy Ahimad Konfiraansii Fayyaa Hawaasaa Afrikaa 5ffaa cinaatti dhimmoota waloo dursa barbaadan, tumsa waloo babal’isuu fi ajandaalee naannawaa fi Ardii gara hojii qabatamaatti jijjiiruurratt mari’ataniiru.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment