Finfinnee, Waxabajjii 2, 2018(FMC)- Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad saayitii ijaarsaa manneen teeknooloojii ammayyaa fayyadamuun ijaaraman agarsiisu daawwataniiru.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, walga’ii Mana Maree Ministirootaan booda saayitii ijaarsaa, ijaarsa manneen teeknooloojii ammayyaafi saffisaan ijaaraman agarsiisu daawwachuu ibsaniiru.
Saayitii kanatti tooftaaleen ijaarsaa ammayyaa sadii qindoominaan hojiirra ooluu kaasanii, isaanis 3D Piriintiingii, ijaarsa sibiila Arabaa qophiin duraa fi manneen jireenyaa konteeyinarootaati jedhan.
Tokkoon tokkoo ijaarsaa kunneen teeknooloojii sirrii wayita fayyadamnu saffisniifi qulqullinni kan wal siman ta’uu mirkaneessu jedhanii, manneen jireenyaa qulqullinni isaanii eegame yeroo gabaabaa keessatti hojjetanii xumuruun akka danda’amus ragaa ta’uu ibsan.
Kalaqni guddaan kun kutaa biyyattii kamittuu haala salphaan hojiirra ooluu fi babal’ifamuu danda’u waan ta’eef sagantaa misooma manaa biyya keenyaa sadarkaa olaanaatti jijjiiruuf humna qaba jedhan.
Teeknooloojii mul’ata biyyaalessaa keenya waliin walsimsiisneerra; hojiileen keenya akka kanaa qabatamaan mul’atan ammoo guddina saffisaa biyyaaf malu dhugoomsuuf kallattii sirriirra kutannoon imalaa jiraachuu keenya qabatamaan agarsiiseera jedhaniiru.
#Oromia #Ethiopia