Dooktar Abiy Ahimad turtii Jibuutiitti taasisan xumuruun gara biyyaa deebi’an

Finfinnee, Caamsaa 1, 2018 (FMC) –Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad turtii Jibuutiitti taasisan xumuruun gara biyyaa deebi’aniiru.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Sirna kakuu galuu Pireezidaantii Jibuutii Ismaa’el Omaar Gillee irratti argamaniiru.

Michummaan Itiyoophiyaa fi Jibuutii nagaaf tasgabbii naannawichaaf bu’uura akka ta’u nan hawwa jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Tajaajilli Pireezidaantichi biyya isaaniif kennan guddina hundagaleessa akka itti fufsiisuuf hawwii gaarii qaban ibsaniiru.

Turtii isaanii xumuruun har’a waaree booda gara biyyaa deebi’uu ragaan Waajjira Ministira Muummeerraa argame ni mul’isa.

Comments (0)
Add Comment