Finfinnee, Onkololeessa 17, 2019 (FMC) – Ulaa galaanaa qabaachuun dhimma dinagdee qofa osoo hintaane, dhimma birmadummaafi jiraachuu biyyaati.
Gaaffiin Karra Galaanaa Itiyoophiyaa fayyadamummaa haqa qabeessa, seenaa, Teessuma lafaa fi Nageenya biyyaalessaa waliin kallattiin hidhata kan qabu ajandaa walooti.
Mootummaa Ida’amuu gaaffii haqaa ulaa galaanaa karaa nagaa, marii dippilomaasii, bu’uura seeraa fi qajeeltoo faayidaa waloo irratti hundaa’een dhugoomsuuf ejjennoon qabu akka addunyaatti fudhatama bal’aa fi tumsa hunda-galeessa argachaa jira.
Biyyoota ollaa waliin tumsaan ni hojjechuun fayyadamummaa waloo bu’uura godhachuun faayidaa biyyaalessaa ni kabachiifatti.
Karra Galaanaa dhabuun ishee guddina diinagdee, qubsama siyaasaa fi nageenya biyyaalessaa isheetti danqaa olaanaa ta’ee tureera.
Haa ta’uutii Itiyoophiyaan karra galaanaa argachuun birbadummaa fi faayidaa biyyaalessaa kabachiisuuf dhimma ijoodha.
Biyya akka Itiyoophiyaa dhiyeenya Galaana Diimaatti argamtuuf, mirga abbummaa seeraafi seenaa qabduuf ulaa galaanaa dhabuu jechuun nama somba malee harganaa jiraatu akka jechuuti.
Imalli Itiyoophiyaan karra galaanaa argachuuf taasiftu qormaata cimaa jiru keessa darbuu kan gaafatu ta’uu isaan qophii gahaa taasifamaa jira.
Qarqara galaanaa qaama Itiyoophiyaa ture dhabuuf waggaa 30 kan nutti fudhate gara ulaa galaanaatti deebi’uuf waggaa 30 akka hin fudhanne ministirri muummee Dooktar Abiy Ahimad mana maree bakka bu’ootaa irratti cimsanii kaasuunsaanii niyaadatama.
Gaaffiin karra galaanaa Itiyoophiyaa deebii argachuun isaa kan hin oolle ta’uu kaasan.
Ulaan galaanaa birmadummaa diinagdee kabachiisurra darbee nageenya biyyaalessaaf wabiidha.
Buufata mataa ofiin oomishaalee akka boba’aa, qorichaalee fi xaa’oo galfachuun dhamaatti hir’isuun sodaa dhiyeessii hambisa.
Ulaa galaanaa qabaachuun humna galaanaa cimaa fi ammayyaa ijaaruun nageenya dooniwwan daldalaa mirkaneessa.
Itiyoophiyaan sarara kanarratti kallattiin ulaa galaanaa yoo argatte dhiibbaan siyaasaa fi nageenyaa naannawicharratti qabaattu sadarkaa olaanaan guddata.
Olaantummaa dippiloomaasii guddisuun dhaga’amtummaa idil addunyaa caalmaatti dabala.
Biyyoonni gurguddoon faayidaa biyyaalessaa isaanii eegsusuuf naannawichatti kan waldorgoman ta’uus, Itiyoophiyaanis haala faayidaa biyyaalessaa ishee eegsisuun danda’amuun hojiilee dippiloomaasii hojjechaa jirti.
Itiyoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf gama nagaan, qajeeltoo kennanii fudhachuu fi biyyoota naannawaa fayyadamoo haala taasisuun akkasumas waliigalteefi dippiloomaasii bu’uura taasisuun hojjetaa jirti.
Itiyoophiyaan seenaa fi mirga qabduun gaaffiin ulaa galaanaa argachuuf dhiyeessitu dhimma jiraachuu fi dhabuu ta’uu isaan kana milkeessuuf tattaaffiin eegalame cimee itti fufa.
Yeroo ammaa mootummaa Ida’amuu dogoggora seenaa sirreessuuf tattaaffiiwwan dippiloomaasii taasisuu caalmaatti itti fufeera.
Siifan Magarsaatiin
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa