Dooktar Abiy Atileetoota Itiyoophiyaa Olompikii Dargaggootaa Addunyaa 4ffaarratti injifannoo boonsaa galmeessan dinqisiifatan

Finfinnee, Sadaasa 5, 2019 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Atileetoota Itiyoophiyaa Olompikii Dargaggootaa Addunyaa 4ffaarratti injifannoo boonsaa galmeessan dinqisiifataniiru.

Atileetoonni Itiyoophiyaa Olompikii Dargaggootaa Addunyaa 4ffaa Seneegaal Daakaaritti gaggeeffamerratti injifannoo seenaa galmeessaniif baga gammaddan jedhan ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin.

Guddattoonni Itiyoophiyaa waltajjichaan Meedaaliyaa Warqee 5 fi Meetii 3 argachuun irra deebiin Seenaa haaromsaniiru jedhan.

Itiyoophiyaan kennaa Ispoortii guddaa qabaachuu fi damee Atileetiksiin ammoo guddummaa qabdu caalmaatti mirkaneessuu kaasan.

Kanaanis alaabaa Itiyoophiyaa kabajaan olkaasuu fi dhaloonni itti aanu injifannoo caalmaaf akka onnatu himalee cimaa ta’uu eeran.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment