Finfinnee, Ebla 19, 2018 (FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaantii Rippabilikaa Moozaambikii Daani’eel Firaansiiskoo Chaappoo waliin marii gamlamee taasisuu ibsan.
Dooktar Abiy Ahimad gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, turtiin Pireezidaantii Moozaambikii Daani’eel Firaansiiskoo Chaappoo waliin taasiseen,michummaa itti fufiinsa qabuu fi jijjiirama qabatamaa fiduuf bu’uura kan kaa’u marii bu’a qabeessa gamlamee taasifineerraa jedhan.
Dablataniis tumsa dameewwan taarsimawaa qabnu gara sadarkaa olaanaatti ceesisanii fi hammattoowwan hojmaataaf sanadoota waliigaltee adda addaa mallatteessineerraa jechuun ibsaniiru.
Bakka Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad fi Pireezidantii Rippabliika Moozaambiik Daani’eel Firaansiiskoo Chaappoo argamanitti damee leenjii waraanaa, misooma magaalaa fi ijaarsa manneenii, Fayyaa, Aviyeeshinii siivilii, Tuuriizimii akkasumas Ce’umsa dijiitaalaa keessattuu waraqaa eenyummaa dijiitaalaa fi bu’uuraalee misooma uummataa dijiitaalaa irratti sanadoonni waliigaltee seena qabeessi mallatteeffamaniiru.
Waliigalteewwan kunneen sanadoota imaammataa irra darbee badhaadhina waloof daandii kan banan ta’uun ibsameera.
Wayita diinagdeen Itiyoophiyaa Sadarkaa olaanaan guddachaa jirutti biyyattiin muuxannoo fi beekumsa irra geessse Afrikaanotaaf qooduuf kutannoo qabdu kan mirkaneessitu ta’uun eerameera.
Itiyoophiyaan michummaa akkanaan waloon barachuu fi waliin guddachuuf qophii ta’uu ragaan Waajjira Ministira Muummeerraa argame ni mul’isa.