Dooktar Geediyoon Xiimootiyoos Ministira Alaa Moozaambiik waliin mari’atan

Finfinnee, Ebla 19, 2018(FMC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiyoos Ministira Alaa Moozaambiik Maariyaa Maanu’eelaa Luqaas waliin mari’ataniiru.

Biyyoonni lamaan yaadama Paan Afrikaanizimiin hariiroo qabaachuu kan eeran Dooktar Geediyoon, hariiroo bara dheeraa biyyoota lamaan gidduu jiru kana caalmaatti cimsuuf tumsaan hojjechuun murteessaa ta’uu kaasan.

Maariyaa Maanu’eelaa Luqaas gama isaaniin, biyyi isaanii muuxannoo misoomaa Itiyoophiyaa qooddachuuf fedhii qabaachuu ibsaniiru.

Dameewwan garaagaraan tumsaan hojjechuu fi hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf qophii ta’uu dubbatan.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment