Dorgommii Daayimand Liigii fiigicha gufachiisaa meetira 3,000’n Atileet Gammachuu Godaanaa injifate

Finfinnee, Hagayya 30, 2018 (FMC) – Dorgommii Daayimand Liigii Biraaselsitti gaggeeffameen, atileetiin Itiyoophiyaa Gammachuu Godaanaa fiigicha gufachiisaa meetira 3,000 injifateera.

Atileet Gammachuun yeroo daqiiqaa 8, sekondii 08 fi maayikiroosekondii 67 keessatti xumuruun dorgommichaa sadarkaa 1ffaan xumureera.

Atileetichi guyyoota 12 dura Poolaand, Siileesiyaa keessatti dorgommii fiigicha gufachiisaa meetira kuma 3 hirmaateenis sadarkaa 1ffaa bahuu isaa odeeffannoon Federeeshinicharraa argame ni mul’isa.

Comments (0)
Add Comment