Finfinnee, Caamsaa 4, 2018 (FMC) – Du’aan boqochuu obbo Zagayyee Asfaawu hordofee Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ergaa gaddaa dabarsaniiru.
Obbo Shimallis Abdiisaan ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, du’aan addunyaa kanarraa boqachuu Obbo Zagayyee Asfaawu yemmuun dhagahu gadda guddaatu natti dhagahame jedhan.
Obbo Zagayyeen qabsaa’aafi hayyuu dargaggummaa irraa kaasee umrii, humnaafi dandeettii ofii aarsaa gochuun ummataaf jiraataniidhas jedhaniiru.
Keessumaa qonnaan bultoonni biyyatti mirgi abbaa qabiyyummaa lafaa isaanii mulqame akka deebi’u qabsaa’uu qofa osoo hintaane, labsiifi haala raawwii isaas nama adda durummaan hogganan ta’uu ibsan.
Mirgi abbaa biyyummaa ummattootaa, imalli ijaarsa dimookiraasiifi haqa lammiilee biyya keenyaa boodarra goonfatamanis bu’uura jaallewwan isaanii waliin kaa’an kanarratti kan ijaarameedha jedhan.
Obbo Zagayyeen, hanga lubbuun boqotan kanatti, dadhabe osoo hin jedhin Komishinara Komishinii Marii Biyyaalessaa ta’uun biyya isaanii amma hafuura dhumaa hargananiitti tajaajilaa turuu eeraniiru.
Gameessa akka Obbo Zagayyee Asfaawu kana dhabuun biyyaafi ummata keenyaaf miidhaa guddaadha jedhan ergaa isaaniin.
Faana isaanii dhalootaf siidaa jiraataa taasifnee kan dabarsinu yoota’u, maatii, aantotaafi ummata keenya maraaf jajjabina, lubbuu isaaniif qananii jannataan hawwa jedhaniiru!
#Oromia #Ethiopia