Finfinnee, Fulbaana 14, 2019 (FMC) –Paatiriyaarikiin Mana Amantaa Kiristaanaa Ortokdosii Maalaankaaraa Hindii Eebbifamoo Abunee Baasiliyoos Maartoomaa Maateewoos 3ffaan kabaja sirna Damaraarratti hirmaachuuf Finfinnee galaniiru.
Eebbifamoo Abunee Baasiliyoos Maartoomaa Maateewoos 3ffaaf Mana Amantaa Kaateediraalii Qulqulluu Silleesseetti simannaan kabajaa godhameefiira.
Paatiriyaarikiin Mana Amantaa Kiristaanaa Ortodoksii Waloomaa Itiyoophiyaa Eebbifamoo Abunee Maatiyaas Eebbifamoo Abunee Baasiliyoos Maartoomaa Maateewoos 3ffaan baga nagaan dhuftan jedhanii, turtiin Itiyoophiyaatti qabataan gaarii akka ta’uuf hawwaniiru.
Batsaloot Mangashaatiin.