Ergaa Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad

Guyyaa Daneessummaa

Biyyi keenya Itiyoophiyaan duudhaashee biyyaa maddeen, abdii ifaa egeree ishee ofiisheetiin bocaa jirti!

Duudhaalee ajaa’ibsiisaa biyyaa maddaniifi walrharkaa fuudhinsa dhalootaatiin arganne gabbisuufi falaasama Ida’amuutiin hogganamnee, tokkummaa keenya sab-daneessa cimaa ta’eef bu’uura hin raafamnerra keenyeerra.

Boqonnaa seenaa haaraa marri biyaalessaa seena-qabeessa ta’e eegaluurraa kaanee, misooma kooriidarii nama giddu-galeessa godhatee jireenya lammiilee keenya hundaa jijjiiru, hojiiwwan keenya tola ooltummaa akkasumas Sagantaa Ashaaraa Magariisa qabatamaan hanga hojiirra oolchuutti, hundi keenya yoo waliin dhaabbannu seenessi keenya waloo gara milkaa’ina walootti akka nuceesisan agarsiifneerra.

Nuti kan ijaarru, biyya cimtuu hammattuu taate, diinagdeedhaan of dandeesse, aadaan waloomaafi wal-gargaarsaa itti dagaage qofa osoo hin taane, guddummaan waloofi humni kuufamaa Itiyoophiyaanota hundaa keessatti mul’atu gochaan mirkaneessaa jirra.

Tokkummaadhaan imala badhaadhinaa keenyaa itti fufna.

Uummata tokko, biyya guddoo Itoophiyaa!

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment