Waltajjii marii BRICS Plus, biyyoota miseensotaa fi deeggartootaa hirmaachise irratti Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, Afrikaaf bakka bu’iinsi cimaan akka jiraatu, carraan dhaabbilee faayinaansii fi gabaa akka bal’atu, akkasumas daldalaa, invastimantii fi walitti hidhamiinsa dinagdee guddisuuf tarkaanfiiwwan qabatamaa akka fudhataman waamicha dhiyeessaniiru.
Haaluma kanaan, Baankiin Niwu Diviloopimant (New Development Bank) daangaa hojii isaa Afrikaa guutuutti akka babal’isuuf, Biiroo baankichaa Finfinneetti akka banamuuf Itiyoophiyaan dandeettii guutuu qabaachuufi qophii ta’uu Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ibsaniiru.
Dabalataanis, COP32, Finfinneetti gaggeeffamu, deeggarsa guutuu BRICS argachuun hojiiwwan eegumsa qabeenya qilleensaa fi misooma waaraa saffisiisuufi sagaleewwan garaagaraa walitti fiduuf waltajjii hunda hammataa ta’ee tajaajiluu danda’u ta’uu Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad hubachiisaniiru.
#PMOEthiopia