Finfinnee, Onkololeessa 9, 2019 (FMC) – Paappayaan Kuduraalee Itiyoophiyaatti baay’inaan oomishamanii fi bakka hundatti argaman keessaa isa tokkoodha.
Keessattuu yeroo ammaa akka mootummaattis sadarkaa Inisheetiviitti bocamee hedduminaan oomishamaa jira.
Inisheetiviin Misooma Paappaayaa tarsiimoo qonna ammayyeessuu fi galii maatii qonnaan bultootaa dabaluuf mootummaan xiyyeeffannoo guddaa kennee hojjetaa jira.
Kanaanis nyaata madaalawaa argamsiisuu fi carraa hojii uumuuf gumaacha olaanaa bahachaa jira.
Paappayaan yeroo ammaa dhukkuba namarraa ittisuurra darbee qonnaan bultootaa fi daldaltootaaf madda diinagdee olaanaa ta’eera.
Paappaayaan firii mi’aawaa qofaa miti, kuduraa Vaayitaamina ‘C’n haalaan badhaadhe hamma Koleestiroolii qaama keenyaa to’achuuf gumaacha olaanaa qabuudha.
Paappaayaan Enzaayimii paappeen (Papain) jedhamu qaba. Enzaayimiin kun sansalata pirootiinii cimaa ta’e caccabsee diiguun nyaata akka salphaatti bulleessuun qaamni akka xuuxu gargaara.
Akkasumas, faayibara nyaataa waan qabuuf garaa kaasaa ittisuu fi fayyaa sirna bullaa’insa nyaataa deeggaruuf gahee qaba.
Ragaan ‘Healthline fi Medical News Today’ irraa argame akka mul’isutti Paappayaan giddugaleessi tokko:-
Kaaloorii 120, Kaarbohayidireetii Giraama 30, Faayibarii Giraama 5, Sukkaara Giraama 18 fi Pirootina Giraama 2 of keessaa qaba.
Kana malees Paappayaan qabiyyeewwan, Vaayitaaminoota akka A, C, B, E, K, fooleetii, Faayibarii, akkasuma Albuudota akka Maaginiziyeemii, Kaalsiyeemii, Koopparii fi Pootaashiyeemiin kan badhaadheedha.
Nyaatni paappayyaa faayidaa namaaf kennu keessaa muraasni:-
1.Furdina Qaamaa hir’isuuf
2. Bullaa’insa Nyaataaf
3. Finniisa Ballessuuf
4. Kaansarii Ittisuu
5. Dhibee Sukkaaraa Ittisa
6. Gogiinsa garaa balleessa
7. Argaa Ijaa dabaluuf
8. Kolostiroolii hir’isuuf
9. Dhukkubbii Xiichaa/Asmiif
10. Dhukkubbii Lafee/Mashaatif
11. Dhukkubbii Ilkaaniitiif
12. Dhukkubbii Tiruuf
13. Bareedina Rifeensaatiif
14. Madaana akka dafee qooruuf
15. Dhiibbaa dhiigaatiif
16. Tiruu qulqulleessuuf
17. Vaayrasi garagaraa ittisuuf
18. Qaama namaa irraa Paaraasaayitii qaragaraa balleessuuf
19. Yaaddoo hir’isuuf
20. Dhukkubbii marsaa laguutiif
21. Bokoka garaatiif
22. Infeekshina ittisuuf kan gargaaru ta’uu qorannoowwan yeroo garaagaraatti gaggeeffaman ni mul’isu.
Dubartoonni wayita marsaa laguurra jiran Paappayyaa baay’inaan akka fayyadaman kan gorfamu ta’uu ogeeyyiin yaala fayyaa ni dubbatu.
Waliigalaan Paappaayaan qabiyyee soorataa hedduun kan badhaadhe nyaata dhandhamaa gaarii qabuudha.
Haa ta’u malee, paappaayaa hin bilchaanne baay’inaan nyaachuun ujummoo nyaataa (esophagus) miidhuu danda’a. garuu paappaayaa bilchaate yeroo nyaatan, balaa kanaan miidhamuun baay’ee xiqqaadha.
Siifan Magarsaatiin
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa