Nyaata fayya qabeessa fayyaa namaaf…

Nyaata jechuun ilmi namaa gadaamessa keessatti eegalee hanga lubbuun jirutti soorata fayyadamu jechuudha.

Jireenya ilma namaa keessatti hidhata guddaa kan qabu qaama ijaaruu fi dhukkuba ittisuun sosochii namaaf akkaan murteessaa dha.

Nyaata fayya qabeessa jechuun nyaata nyaatamee fayyummaa fi cimina, akkasuma jireenyaa nagaa gaggeeffachuuf kan gargaaru, qalbii namaa kan gammachiisu, dhukkuba kan ittisu, qaama kan ijaaruu fi muudaa fayyaa kan hin qabne jechuudha jedhan Biiroo Fayyaa Oromiyatti Ogeessi Sirna nyaataa fi Qindeessaan Sagantaa Nyaataa Obbo Abarraa Dagafaan.

Nyaatni nyaatamee fayyaa namaa miidhu ammoo nyaata fayya qabeessa hin taane jechuu ta’uu kaasan.

Nyaata fayya qabeessa hin taane jechuun baakteeriyaa yookaa Vaayirasii qaba jechuu osoo hintaane, nyaatni nyaatamu sun simannaan qaama keessatti taasifamuuf sirrii yoo hin taane, yookaa qaamni keenya nyaatichaaf qophaa’ummaa yoo hin qabaanne, qaamoleen sirna bullaa’insa nyaataaf qooda olaanaa qaban sirnaan hin simanne yoo ta’e nyaata fayya qabeessa hin taane ta’uu ibsan.

Keessattuu nyaatawwan sukkaarri itti baay’atu, warshaalee keessatti akkaan gubatanii bahan, zayitaan irra deddeebiin waadaman, alkooliin, nyaatawwan akkaan mi’aawoo ta’an, yeroo dheeraaf akka turaniif nyaanni keemikaalli itti dabalaman nyaata sirrii hin taanedha jedhan obbo Abarraan.

Nyaatawwan kunneen qaamolee bulla’ina sirna nyaataa keessatti gahee olaanaa qabanii fi boqonnaa malee hojjetan kan akka Kalee, Tiruu, Onnee fi Rajaajiif balaa hamaa ta’uu ibsan.

Nyaata ijaan madaaluu fi arrabaan dhandhamuun qofa filatanii nyaachuun miidhaa mataa isaa kan qabu ta’uu hubachiisan.

Nyaatawwan akka kana balattalatti miidhaa qaqqabsiisuu baatanis dhibeewwan qancaroo daddaddarboo hin taane kanneen akka Kaansarii, dhibee Sombaa, Onnee, Tiruu, Sukkaaraa fi Dhiibaa dhiigaa kan namatti fidan ta’uu yaadachiisan obbo Abarraan.

Fakkeenyaaf Bunni qofaa isaa yoo dhugame Soorrata Sirriidha, yoo Sukkaarri itti dabalame ammoo amala isaa jijjiiruun nyaata biraa ta’a.kunis Soorrata ta’uun hafee gara miidhaa qaqqabsiisutti akka jijjiiramu taasisa jedhan.

Nyaataan dhukkubsachuun qoracha bitachuurra, nyaata qoricha godhachuutu caala jedhan.

Nyaatawwan aadaa kan ammayyaa caalaa fayyaa namaaf murteessoo ta’uu ibsan.

Fakkeenyaaf Keekii caalaa Qiixxaan, Chokoleetii caalaa mulluun fayyaa namaaf barbaachisaa ta’uu himan.

Waliigalaan nyaatawwan ooyiruurraa argaman kanneen warshaaleen oomishaman caalaa fayya qabeessas, fayyaa namaafis murteessodhas.

Itiyoophiyaa keessatti sababa hubannaa dhabuu fi itti fayyadamuu wallaaluun daa’immaan % 41 rakkoo hanqina nyaataaf saaxaalimuu qorannoon kan agarsiisu ta’uu himan.

Hanqinni hubannoo kan barate biras kan hin baranne biras jiraachuu isaa ibsuun, hojiin hubannoo cimsuu sirna nyaataa bal’inaan hojjetamuu akka qabu yaadachiisan.

Kanaaf jireenya gammachuu fi fayya qabeessa ta’e qabaachuuf:-

1.Soogidda, sukkaara fi zayitii baay’ee fayyadamuurraa of qusachuu.

2. Bishaan gahaa dhuguu:

3.Midhaan akka qamadii, garbuu, boqqolloo, Baaqelaa, misira, Hanqaaquu, aannanii fi foon fayyadamuu.

4. Sochii qaamaa yeroo hunda gochuu:

5. Nyaata Qophaa’e /Warshaan oomishaman daangeessuu.

6.Kuduraa fi fuduraalee baay’inaan fayyadamuun

7. Nyaata Lafee jabeessan kan akka Albuudotaa fi kan dhibee ittisaa Viitaaminoota hedduminan fayyadamuun barbaachisaadha.

Siifan Magarsaatiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment