Finfinnee, Fulbaana 25, 2019 (FMC)- Itiyoophiyaan qormaata diinota keessaa fi alaa irraa ishee mudatan gootummaan qolachuun imala misoomaa fi nageenyaa ishee cichoominaan itti fufsiisaa jirti.
Waggoottan darban keessa biyyattii diiguufi tokkummaa ishee bittinneessuuf yaaliiwwan qindaa’an hedduun taasifamanis, tokkummaa cimaa mootummaafi uummataan yaaliiwwan kanneen fashalsuu dandeesseetti.
Gantoonni biyya keessaa diinota seenaa waliin michoomuun, biyyattii waraana walii waliinii keessa galchuuf yaaliiwwan bal’aan taasisaa turan. Haaluma kanaan dhiibbaawwan idil-addunyaa, dhiibbaawwan dippilomaasii fi olola miidiyaa bal’aan kallattii gara garaatiin Itiyoophiyaa irratti banamaa ture.
Haa ta’u malee, karoora biyyattii diiguuf taasifaman kunneen tokkummaa ummataatiin fashalaa’uu danda’aniiru. Iccitii guddaan injifannoo kanaa tokkummaa jabaa ummataa fi mootummaati.
Deeggarsi haamilee fi meeshaalee uummanni Raayyaa Ittisa Biyyaa fi caasaa nageenyaa hundaaf taasise injifannoo kanaaf bu’uura isa ijoodha.
Akkuma seenaa keessattis beekamu Uummanni Itiyoophiyaa, balaa birmadummaa biyya isaa irratti dhufu ittisuuf, “eenyu waliinuu hin mari’adhu” jechuun sagalee tokkoon mootummaa cinaa dhaabbachuu isaa mirkaneesseera.
Duudhaan tokkummaa wayita qormaataa caalmaatti cimu kun xiin-sammuu fi haamilee diinaa cabsuun, biyyattiin birmadummaa ishee kabachiiftee akka itti fuftuuf godheera.
Wanti hunda caalaa nama ajaa’ibsiisu, Itiyoophiyaan qormaatawwan kanneeniif osoo hin jilbeenfatiin imala misoomaa fi dinagdee ishee yeroo tokkoof illee osoo hin dhaabin itti fufsiisuu isheeti.
Itiyoophiyaan pirojektoota gurguddoo biyyoonni biroon haala mijataa keessatti raawwachuuf itti qormaata keessatti milkeessiteetti.
Fakkeenyaaf, hojiiwwan misooma koridarii Finfinnee fi magaalota biyyattii gara garaa keessatti hojjetamanii fi hojetamaa jiran; ijaarsi Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa xumuramee humna elektirikii maddisiisuu jalqabuu; akkasumas fooyyessii dinagdee gooroo taasifame, biyyattii dhiibbaa liqaa irraa baraaruudhaan, invastimantii alaa hawwachuu fi oomishtummaa guddisuun dandeettii dandamannaa dinagdee ishee cimsuu danda’uun milkaa’inoota kanneeniif ragaadha.
Walumaagalatti, seenaan yeroo dhiyoo Itiyoophiyaa dhugaa tokko ragaa baha.
Innis tokkummaan uummataa fi mootummaa rakkoolee keessaa fi alaa biyyattii mudatan gahumsaan qolachuufi misoomaa fi nageenya ishee itti fufsiisuuf murteessaa ta’uu isaati.
Itiyoophiyaan qormaatawwan ishee mudatan cichoominaan keessa darbaa tokkummaa keessoo cimsuun imala badhaadhinaa dhugoomsuuf kutannoon kaateetti.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGudda