Finfinnee, Caamsaa 18, 2018 (FMC) – Ministirri Muummeen Dooktar Abiy Ahimad filannoon walii-galaa baranaa hundee sirni mootummaa keenya itti cimu fi itti jabaatudha jedhan.
Dooktar Abiy ergaa baga geessanii ayyaana Iid Al-Adhaa (Arafaa) ilaalchisuun dabarsaniin akka ibsanitti, hariiroofi tumsi hawaasummaa nageenya lammiilee fi biyyaatiif murteessaadha.
Meeshaalee ijaarsa sirna diimokiraasii dirqama hawaasummaa fi lammummaa ittiin baanu keessaa inni ijoon filannoodha jedhaniiru.
Filannoon walii-galaa baranaas karaa abdii fi hireen biyyattii waggoota dhufanii itti murtaa’ufi hundee sirni mootummaa itti cimu ta’uu hubachiisaniiru.
Dabalataanis, Mana Maree sagaleen baay’een keessatti dhaga’amu hundeessuuf carraa murteessaa ta’uu ibsuun, shaakala diimookiraasii sadarkaa tokko akka ol guddisu dubbataniiru.
Dirqama lammummaa ba’uuf qofa osoo hin taane, kaardii filannootiin mirga diimokiraasii mirkaneessuuf qophaa’uudhaan ayyaanicha kabajuu akka barbaachisus dhaamaniiru.
#Oromia #Ethiopia