Adeemsi Kenniinsa sagalee filannoo Waliigalaa 7ffaa milkaa’inaan xumurame- Boordicha

Finfinnee, Caamsaa 25, 2018 (FMC)- Adeemsi Kenniinsa sagalee filannoo Waliigalaa 7ffaa milkaa’inaan xumurameera jedhe Boordiin Filannoo Biyyaalessaa.

Walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Meelaatawarqi Hayiluu ibsa miidiyaaleef kennaniin, adeemsi sagalee kennuu guyyaa kaleessaa gaggeeffame milkaa’inaan xumuramuu ibsaniiru.

Finfinneetti adeemsi sagalee kennuu harkifatee akka turee naannoleetti ammoo yeroon eegaluu kaasaniiru.

Boordichi komiiwwan garaagaraa keessummeessaa akka tureefi tarkaanfii sirreeffamaa kennuu ibsaniiru.

Buufataalee filannoo lakkaawwiin sagalee xumurametti bu’aan yeroo filannoo maxxanfamuu kaasaniiru.

Naannolee Gaambeellaa, Sidaamaa, Amaaraa, Somaaleefi magaalaa Finfinneetti lakkaawwiin hin xumuramne jedhaniiru.

Ayyaanaa Dheeressaan.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment