Finfinnee, Fulbaana 5, 2019 (FMC) — Finfinneen tattaaffii dameewwan gara garaan tumsa waloo cimsachuu fi hariiroo idil-addunyaa ishee guddisuuf hojjechaa jirti.
Haaluma kanaan Walitti hidhamiinsa magaalota obboleeyyaniin waggoota shanan darban keessatti 20 irraa gara 30tti guddisteetti.
Seenaa dheeraa fi jijjiirama gama hundaan galmeessaa jirtuun, magaalota addunyaa hedduu waliin hariiroo tarsiimawaa cimsachaa jiraachuunis himameera.
Odeeffannoon waajjira Kantiibaa magaalaa Finfinnee akka mul’isutti, hariiroon kun walitti dhufeenya dipilomaasii fi diinagdee guddisuu fi i muuxannoowwan gaggaarii misooma magaalaa ammayyaa waljijjiiruuf carraa bal’aa uumaa jira.
Jijjiiramni Finfinneen galmeessaa jirtu xiyyeeffannoo keessa galuun, dhaabbileen idil-addunyaa walga’ii fi yaa’iiwwan adda addaa asitti gaggeessuuf magaalatti filachaa jiru.
Haaluma kanaanis bara baajetaa 2018 qofa yaa’iiwwan idil-addunyaa fi ardii 221 Finfinneetti gaggeeffamaniiru
Magaalaa qaroomtuu (Smart City) ta’uuf tattaaffii taasisaa jirtuunis Finfinneen badhaasaalee fi beekamtiiwwan idil-addunyaa hedduu argatteetti.
Isaan keessaa badhaasni Sagantaa Nyaata Barattootaa Ri’o Di Jeneroo, Badhaasni Magaalaa Qorannoo Teeknooloojii Se’uul bara 2024, beekamtiin sirna bulchiinsa balfaa fooyyeessuuf Bonas Ayiras, Badhaasi Bloomberg C40 Cities fi Badhaasi Magaalaa Qorannoo Teeknooloojii Gaarii Afrikaa bara 2024 akka fakkeenyaatti warren eeramanii dha.
Dabalataanis, nageenya daandii fi saffisa geejjibaa bulchuu irratti bu’aa galmeessiteen dorgommii idil-addunyaa magaalota damee kanaan gaggeeffamerratti madaaliyaa warqee argatteetti.
Badhaasaalee fi beekamtiiwwan kunneen, jijjiirama Finfinneen gama hundaan galmeessaa jirtu addunyaa irratti mul’isuun, maqaa fi gahee magaalattii sadarkaa idil-addunyaatti cimsaa jirachuu odeeffannoon waajjrichaa ni argisiisa.
#Oromia #Ethiopia