Finfinneetti Ayyaana Damaraa sababeeffachuun duulli qulqullinaa gaggeeffame

Finfinnee, Fulbaana 15, 2019 (FMC)- Ayyaana damaraa guyyaa boruu kabajamu sababeeffachuun Magaalaa Finfinnee bakkewwan ayyaanichi itti kabajamuu duullii qulqulleessuu gaggeeffameera.

Bulchinsi Magaalaa Finfinnee ayyaana Damaraa waloomaa fi karaa ho’aa ta’een kabajuuf qophii taasisaa turuu Biiroon Kominikeeshinii Magaalichaa ibseera.

Guyyaa har’aas Abbootiin Amantaalee hundaa, namoonni bebekamoon, hoggantoonni mootummaa fi Ambaasaaddaronni waloon ta’uun duula qulqullinaa gaggeessaniiru.

Duulli qulqullinaa kun bakka qulqulluu fi hawwataa ta’etti ayyaanaa kabajuuf yoo ta’uu, kunis maqaa gaarii magaalaichaa caalmaatti kan ijaaruu akka ta’e eerameera.

Comments (0)
Add Comment