Finfinnee, Caamsaa 26, 2018 (FMC) – Gamtaan Awurooppaa fi biyyoonni michootaa adeemsa filannoo waliigalaa 7ffaa Itiyoophiyaan Caamsaa 24, 2018 gaggeessite dinqisiifataniiru.
Imbaasiwwan biyyoota miseensa Gamtaa Awurooppaa fi michootaa teessoo isaanii Finfinnee ta’e Kaanaadaan,Noorweey fi Siwiizarlaandi adeemsa filannichaa ilaalchisee ibsa kennaniiru.
Biyyoonni kunneen,Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa, Raawwachiiftoonni filannoo, Paartileen siyaasaa, kaadhimamtoonniii fi dhaabbileen Hawaasa Siiviilii filannichi milkaa’inaan akka xumuramu gumaacha taasisan dinqiifataniiru.
Taajjabdoonni Gamtaa Afrikaa fi Dhaabbata Misoomaa Mootummoota Baha Afrikaa filanicha taajjabuun gumaacha godhaniif beekamtii kan kennan ta’uu biyyoonni kunneen mirkaneessaniiru.
#Oromia #Ethiopia