Murtoo Hidhattoota duraanii Misoomaa fi Nageenyaaf humna ta’e

Finfinnee, Sadaasa 9, 2019 (FMC) – Naannoo Tigraayitti Dargaggoonni hedduun dirqamaan gara dirree waraanaatti ergamuun jireenyaa fi carraa egeree isaanii dhabaniiru.

Kana malees, qonnaan bulaa ta’anii qotanii jiraachuu, oomishanii nyaachuu fi jireenya isaanii fooyyeffachuu akka hin dandeenye taasifamaniiru.

Gareen seeraan alaa ABUT dargaggoonni Tigraay uummata Itiyoophiyaa akka diinaatti akka ilaalan gochuuf carraaqqii guddaa taasisus, dargaggoonni hedduun lubbuu isaanii baraaruu fi sodaa waraanaa jalaa ba’uuf gara kutaalee Itiyoophiyaa garaagaraatti baqachuu filataniiru.

Itaamajoor Shuumiin Waliigalaa Humna Waraanaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan, Maqalee keessatti bakka bu’oota hawaasaa waliin marii taasisaniin akka yaadachiisanitti, dargaggoonni Tigraay hedduun garee kana irraa baqatanii gara kutaalee Itiyoophiyaa biroo seenaniiru.

Dargaggoonni Tigraay gara kutaalee garaagaraa biyya isaanii Itiyoophiyaa deemuu yoo filatan, ABUT garuu wayita injifatamu gara diina seenaatti baqate jedhan.

Yeroo ammaa kana, naannoo Tigraayitti haalli nageenyaa fooyya’aa dhufuu hordofee dargaggoonni badiinsa waraanaa irraa fagaachuun boqonnaa haaraa jireenya isaanii jalqabaa jiru.

Naannichatti adeemsi baruu fi barsiisuu nagaan jalqabuu, tajaajilli fayyaa deebi’ee socho’uu fi hojjettoonni mindaa isaanii argachuu jalqabuun dargaggootaaf abdii haaraa uumeera.

Dargaggoonni Tigraay kaleessa lubbuu isaanii baraaruu fi waraana irraa miliquuf gara kutaalee Itiyoophiyaa garaagaraatti baqatan, har’a immoo dargaggoota biyyattii biroo waliin hiriiruun misooma, bu’uuraalee misoomaa fi teeknooloojii keessatti qooda fudhachuuf carraa haaraa argachaa jiru.

Kanaafuu, nageenyi bu’uura jireenyaa fi misoomaa waan ta’eef, dargaggoonni Tigraay carraa nageenyi isaaniif uumu fayyadamuun dandeettii fi ogummaa isaanii hojii irra oolchanii naannoo isaanii fi biyya isaanii misoomsu keessatti gahee isaanii bahachuun murteessaadha.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

Comments (0)
Add Comment