Finfinnee, Sadaasa 9, 2019 (FMC)- Mootummaan Naannoo Oromiyaa hawaasa naannichaa hirkattummaa roobaa jalaa baasuun wabii nyaataa mirkaneessuuf pirojektoota jallisii gurguddoo godinaalee naannichaa keessatti babal’isaa jira.
kanaanis waggoota muraasa keessatti bu’aawwan jireenya hawaasaa hirkattummaarraa gara of danda’uutti ceesisan galmaa’aa jiru.
Keessumattuu, godinaalee gammoojjii keessatti inisheetIiviin PirojeEktii Finnaa jireenya hawaasa horsiisee bulaa jijjiiruun hawaasicha fayyadamaa misoomaa taasisuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jira.
Hawaasni horsiisee bulaas horsiisa horii cinaatti midhaan nyaataa oomishuun wabii nyaataa akka mirkaneeffatan taasisaa jira.
Godina Kibba Oromiyaa aanaalee garaagaraa keessattis pirojektoonni Finnaa hojii irra oolaa jiran bu’aa qabatamaa galmeessaa kan jiran yoo ta’u,Finnaan Dasee Goraa aanaa Gomaleetti hojjatame isa tokko.
Pirojektichi Birrii walakkaa biiliyoonaa oliin ijaarameefi bishaan meetir kuubii miiliyoona 22.6 ol kan qabatu yoo ta’u, lafa hektaara 1,700 ol misoomsuun abbootii warraa kuma 3 fi 400 ol fayyadamaa taasiseera.
Walumaagalatti, Pirojektiin Finnaa qabeenya bishaanii jiru gara oomishaatti jijjiiree wabii nyaataa mirkaneessuun hirkattummaa hir’isuu fi badhaadhina hawaasa horsiisee bulaa dhugoomsuuf shoora murteessaa qabachaa jira.- TKO
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa