Finfinnee, Hagayya 8, 2018 (FMC) –Godaansi seeraan alaa lammiileefi biyya irratti miidhaa guddaa geessisaa jira jedhan Ministirri Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa, Dooktar Ergoogee Tasfaayee.
Itiyoophiyaafi Maalaawwiin waliigaltee godaansa seeraan alaa fi yakka daangaa ce’anii raawwataman waliin ittisuuf isaan dandeessisu mallatteessaniiru.
Dooktar Ergoogee Tasfaayee yeroo kana akka jedhanitti, godaansi adeemsa walxaxaa carraawwanis ta’e rakkoolee of keessaa qabuudha.
Godaansa sirnaan yoo bulchuun danda’ame, misooma hawaas-diinagdee saffisiiruufi walitti dhufeenya naannawaa cimsuuf gumaachuu akka danda’u ibsaniiru.
Faallaa kanaatiin garuu, godaansi seeraan alaa lammiileefi biyya irratti miidhaa guddaa akka geessisu eeraniiru.
Itiyoophiyaan Mana Maree Biyyaalessaa Itti Aanaa Ministira Muummee, Tamasgeen Xurunaan durfamu dabalatee, imaammata, seeraafi caasaa dhaabbilee cimsuun godaansa seeraan alaa ittisuuf hojjechaa akka jirtu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan biyya madda, karaa darbaafi bakka ga’umsaa godaansaa ta’uufi Maalaawwiin immoo karaa gara Afrikaa Kibbaatti geessu keessaa koridoorii ijoo fi daandii geejjibaa murteessaa ta’uu kaasaniiru.
Maalaawwiin godaantotaaf bakka jireenyaa kennuuf, gara biyya isaaniittis deebisuuf, akkasumas namoota gurmaa’aanii yakka raawwatan seeratti dhiyeessuuf gumaachi gootu jajjabeeffamuu kan qabu ta’uu ibsaniiru.
Waliigaltichi biyyoonni lamaan godaansa seeraan alaa fi qaamolee daldala namaa raawwatan ittisuuf, bulchiinsa godaansaa fayya qabeessa ta’e diriirsuuf, lammiilee eeguufi miidhamtoota deeggaruuf hojiiwwan jalqabaman cimsanii akka itti fufan kan gargaaru ta’uun ibsameera.
Ministirri Dhimma Nageenya Keessoo Maalaawwii, Piitar Muukuhitoon gamasaaniin, lammiilee baraaruufi yakka daangaa ce’ee raawwatamu dhaabuuf Maalaawwiin kutannoodhaan akka hojjettu mirkaneessaniiru.
#Oromia #Ethiopia